Tuesday, November 13, 2018

#Injifannoo Mejer Jeneraal Kinfee Daanyew Itti Gaafatammaan METEK Duraani Finfinee dhaqabaniiru .

#Injifannoo 

Mejer Jeneraal Kinfee Daanyew Itti Gaafatammaan METEK Duraani Finfinee dhaqabaniiru .


Geetachewu Asseffanis Suudanit akka tohannoo jala olfame gabaafamaara .

Tigraay maal jedhaa jirti laata?

Tigraay maal jedhaa jirti laata?

Hafuurri Tigraay keessaa hafuursu har'a daranuu hammaateera. Dammaqoo sabichaa kan jedhaman wanti barreessaa jiran irra caalaan miira abdi kutannaa, dhaadannoo, wal qeequu fi wal tasgabbeessuuf carraaquutiin kan guutame. Kanuma waliin waamichi lolaa har'as itti fufee deemaa jira. Dargaggoon Tigraay gurmaawee akka lolatu kakaasaa jiru. Har'a ammoo wanni haaraan dabalame Dr. Dabra Tsiyoonitti quba qabuu dha. "Qaroo fi gaachana keenya kan tahan qabsaayota keenya dabarsitee kannita taanaan galmee gantoota Tigraay warra bara Minilik durii keessatti maqaa kee barreessina" jechaanii jiru. Yoo jagnummaadhaan ''duula Tigraay irratti baname'' kana irraa qolachuu hin dandeenye dafee akka aangoo gadhiisu waamicha  daddabarsaafii jiru. 


Waan itti fufee deemaa jiru hordofnee walii qoodna.

Sunday, November 11, 2018

(Jaarraa Abbaa Gadaa) hoggaas dhalata. Ilmi Haaji Ibraahim Haamid

Walakkaa bara 1876a, gaafa Ibroo Shaxaa lola

Cirrachaatti waraana Misraa kan Ra’uuf

Baashaa tiin hoogganamuun odoo loluu

wareegame, ilmi isaa Haamid Ibroo dardara ture.

Lola Calanqoo booda, baruma 1887 keessa,

gaafa Minilik summii buna keessatti naqeen Haamid Ibroo galaafatu, ilmi isaa Ibraahim

Haamid joolle. Bara 1936, gaafa Ibraahim

Haamid, nafxanyoota hawaasa Oromiyaa Bahaa

sirna gabrummaa hoonga hin-qabneen

araraasaa bahan adamuun hijaa bahaa ture,

Abdukariim Ibraahim (Jaarraa Abbaa Gadaa) hoggaas dhalata. Ilmi Haaji Ibraahim Haamid

Ibroo Shaxaa fii Aadde Moominaa Eeboo,

Jaarraa Abbaa Gadaa, akka Xaaliyaan biyya

teenya seeneen, bara 1936 keessa-tti, Baha

Oromiyaa, Konyaa Gaara Mul’ataa, Baadaa

Kurfaa Callee, Araddaa Waldaya Raammis, Ganda Mudiir Gorrootti, nama dhalate. Jaarraa Abbaa Gadaa, daa’imummaa-rraa

kaasee, mana barnootaa tii fii saniin alattiis,

nama naamusa cimaa qabaachuun beekkame.

Haalaa fii amala badoo kaa’imman harkisan

irraa walaba tahuu malees, jiruu sadoo tan

keessatti dhalate hordofuu caalaa, rakkataa fii dadhabaaf annaannachuu fii gargaaruun, nama

joollummaan qoma fudhatte. Lakkuma umriin ol

siyxuun ummata naannoo isaa jiran keessaa,

qabaataa fii dhabaan, jabaa fii dadhabaan,

rakkisaa fii rakkataan, eenyu fii eenyu akka

tahan adda bare. Ummata ganamaa fii galgala garaan isaa mararfatuuf, kan jallina hiree mude,

talisummaa fii khash-labbummaa odoo hin-

taane, sirna gabrummaa taachaa fii inni

jireenyaan haala wayyaa keessa jiruus

isaanirraa tokko tahuu hubate. Lammiin inni irraa tokkoo kuni, araraafama

malees, qe’uma isaanii keessatti, mirga abbaa

biyyuummaa dhabanii, warra naannawa san jiran

hundaan, namaa gaditti laalamuu arkaa fii

dhageeytii jibbe. Haala kana dura dhaabbachuu

dhiisanii, warra hawaasa biraa keessatti baquun jalaa miliquuf tattaafatan balaaleeffate. Gama

isaa tiin, bakka deemu hundatti maalummaa

isaa haalota adda addaa-tiin, mul’isuu jalqabe.

Mana barnootaa keessatti afaan isaa

dubbachuun, aadaa isaa agarsiisuun eenyu

akka tahe ifa if baase. Guyyaa barnoota hin- qabne otobuusaan olii gad daddeemuun, warra yaroo makiinaa keessa seenan ummanni balfee

biraa fagaatu-tti maxxanuun, kursii irraa ka’ee-fii

teeysisuun, ba’aa gargaaruun, mataa ol

qabatanii akka deeman onnachiisuu hujii

godhate. Biyyoo Adareetti, barnoota sadarkaa kutaa

lamadaa lakkuma ol qaqqabachaa deemuun,

anaannaanni saba isaatiif qabu caalaa sammuu

fudhachaa deeme. Jaarraa Abbaa Gadaa,

barnoota yaroo sanitti biyya keessa-tti kennamu

rakkoo takka malee xumuree, yo itti fufuullee fedhe, biyya alaa deemee barachuuf hiree gaarii

nama qabu. Gama biraa tiin, ammaas, barnoota

yaroo dheeraa tiin odoo if hin rakkine, kanuma

biyya keessaa tiinuu, caasaa warraa keessaan,

hujii mootummaa bareedduu argachuun isaaf

salphaa ture. Garuu, yaaddoon dhibdee ummataa, hegeree isaa caalaa, sammuu

fudhattee barnoota waakkattee, lafa warri isaanii

Asaboot keessaa qaban irra qubachiifte. Iddoo haaraya qubatettiis, Jaarraa Abbaa Gadaa

hawaasa keessa qubate waliin wal fudhachuuf

yaroo dheertuu irraa hin fuune. Akkuma

naannoo Gooroo Gadiitti, olittiis, lammii isaatiif

hadooduunn guyyuma guyyaan sammuu

dhunfachutti seente. Haala Nafxanyootaa fii Mootummaan Habashaa lammii isaa itti laalan

onneen fudhachuu didaa dhufte. Sammuun isaa

halkanii fii guyyaa jiruu mataa isaa tiif yaaduu

caalaa, warra akka Haamidoo fii Habiib,

kanneen jiruu nagayaa jibbanii mootummaa

Habashaa tiin loluuf daggala Carcar mana godhatan, tan xiinxaltu taate. Lakkuma seenaa

finciltoota qoratuun, “yo namni murate tokko

habashoota dilana shororkeesse, laata kan

jaarame hoo akkami?” gaaffii ja’ttu if gaafachutti

seene. Maqaa fii durooma warraa gubbaan

naamusaa fii soora qabeenya isaa-tirraa, shamarran shashaqachaa bakkayutti jala

sissiqan keessaa takka fuudhee, jiruu sadoo

jiraachuu yaaduun surrii keessa sokke. Diinni

saba isaa qawween if jalatti oggolchee, lubbuu

fii qabeenya isaanii irratti abboomaa odoo jiruu,

hamashaa dubartii bareedduu boraafatee, sirnaaf ilmaan horuu maganfate. Waan

dandayuun ummata isaa gargaaruun fakkeenya

sab-boonaa tahuu-rra, akka Umar Muktaar kan

biyya Liibiyaa faatti, loltuu bilisummaa tahee

lammii isaa gabrummaa jalaa baasuu filate.

Fedhii isaa kana hujiirra oolchuuf, jiruu sadoo tiin “imaanata” je’ee, dardarummaan qabsoo

hidhannoo tiif if qaadhimee, “Boruuyyee boruuyyee Boruu abbaa bariisooyyee Galgala abbaa galgalooyyee Galgalli naan dubbatee Boruun naan marihatee Roorroo hamtuu agarraan Kan Oromoo saba kootii Kiyya garaan hammatee Hadhaa du’aa filate” jechaa geeraraa, namoota yaada akka isaa

qaban waliin daggala seenuuf, jalqaba bara

1966a, manaa bahe. Barbaanni jaalaa, Jaarraa Abbaa Gadaa, qe’ee-

rraa fageeysee Gaaleeytii geeyse. Gaaleeytii-tti

Sheekha yaada akka isaa qabuun wal-arkatan.

Sheekhni, inumaa, dhibdee ummata isaanii tiif

furmaata waaraa barbaaduu dhabuun, Rabbi

birattillee dirqama irraa gaafatamuuf jiraatan taachaa, Jaarraa Abbaa Gadaaa tiif

mirkaneesse. Akkasiin, Jaarraa Abbaa Gadaa

Sheekhtichaa fii darasoota isaa waliin, qawwee

hamma arkataniin qabsoo hidhannoo

bilisummaa jalqabuuf, gandaa sossoohan.

Isaanii haalaa fii lafa tarsimoo tottolfachaa jiru, akkuma naannoo Miicataa dhaqaniin, daldaloota

Roobee fii Miicata jidduu daddeebi’an irraa,

Fincila Oromoota Baalee dhagayan. Oduun

gurra seente daranuu mirqaansitee, warra duruu

diinarratti lola jalqaban waliin qabsoo itti fufuuf,

karaa Baalee qaceelan. Garuu, akka lafa hamma tokko deemaniin, daadarkaan amnaa,

Sheekha keessaa hamilee if dura deemuu

xuuxxee, darasoota isaa waliin if-duuba deebi’uu

murteeffachiifte. Jaarraa Abbaa Gadaa garuu,

wadala miyaa fii galaa irratti fe’atu qofa akka

dhiisaniif kadhatee, yaada manaa baheef hujiirra oolchuuf, amna isaa kophaa itti fufe. Lafaa fii hawaasa hin beeyne keessa, harree

fe’atanii bilisummaa barbaada deemuuf, gaafasii

mitii arrallee, murannoo fii gootummaa ajaa’ibaa

qabaachu nama barbaachisa. Jaarraa Abbaa

Gadaa karaa takkaa irra deemee hin beeyne,

hawaasa nama eenyummaa hin beeynee hanqatee, kan beekanittuu waan inni

iyyaafachaa deemu in himne keessa

qaxxaamuree, bakka garaa gaye. Kana booda, seenaan imaltuu tan Jaarraa

Abbaa Gadaa qabsoo bilisummaa tiif godhe,

bahara daakanii keessaa bahuu hin dandeenye

keessa nama cuupha. Loltoota barbaadee itti

dhaqe waliin lola adda addaa keessa naqee,

Laga Dhaaree-tti gootummaa qixa hin-qabne daawwachiisee, karaa Gindhiiriin Soomaalee

nama geessa. Achirraa ammaas, miyaa fii

kaameeraa baadhachiisee Fincila Baaletti ol

nama deebisa. San booda, lola Gola Eela Roojii,

kan diinni qabsaawotatti samii gubbaa boombii

itti roobse faa irraa qooda nama fudhachiisa. Walii galatti, Baaletti, hamma Fincilli Oromootaa

humnaa fii tooftaa diinaa tiin akkaa-gara hin

dhabini-tti, lola godhaman hunda keessa nama

naqee, dhuma bara 1968, Soomaaletti nama

deebisa. Soomaalee keessatti, qabsoo ummanni keenya

eenyummaa isaanii beeysisuuf godhan, dhibdee

mudatan, injifannoo helanii fii seenaa Jaarraa

Abbaa Gadaa adda baasuun hin dandayamu.

Jaarraa Abbaa Gadaa, Soomaaletti akka

deebi’een, ilmaan lammii kanneen karaa adda addaa tiin seenanii Soomaaliyaa keessa jiran

babarbaadee walitti fide. Isaan keessaa, warra

qabsooo hidhannootiif fedhii qaban waliin,

Arfaasa 12, bara 1969, bu’ura Adda Bilisummaa

Oromoo lafa kaayan. Alaabaa, Faaruu Alaabaa

tii fii Faaruu Biyyaa baafatanii, leenjisa isaan barbaachisu fudhachuuf, ji’a jalqabaa tan bara

1970 Mootummaa Soomaalee jalaa mimmiliqaa,

tokkoo-lamaan Magalaa Adan seenan.

Mootummaan Soomaalee fedhii isaanii, tan

leenjii tooftaa lolaa tii fii hidhannoo, akka

bakkaan hin geenyeef yaroo hubate, kan mala armaa olii irratti hojjatee, imaltuu Adan

aanjeesse, Jaarraa Abbaa Gadaa ti. Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaaa Amajjii 28,

bara 1970, Mogdishoo irraa baasee Adan nama

geeysa. San booda, Adan irraa fuudhee Iraaq,

Iraaq irraa gama Suuriyaa namaan barara.

Suuriyatti jab’haa Falasxiin waliin wal nama

barsiisee, mooraa leenjii waraana isaanii ifii waliin nama naqa. Leenjii booda, Waxabajjii 3,

bara 1970, Dimish’qii fuudhee, Misra geessee,

Baghdaad-tti nama deebisa. Achirraa miya

waraanaa baadhachiisee Adanitti nama deebisa.

San booda, Onkololeessaa 17, bara 1970,

hoogganummaa Qeeyroo Ganamaa tiin, Adanirraa dooniin karaa biyyaatti namaan ka’a.

Galii kanaa fiis, Bahara Hindii-rra oofee, qarqara

lafa Soomaalee tan Bulloo-har ja’amtu nama

geeysa. Achirraan odoo hin feene fuudhee mana

hidhaa, Man’dheeraa-tti namaan deema. Iddooleen Jaarraa Abbaa Gadaa dhaqee fii

karaan irra deeme hundi seenaa dinqifamoo

keessatti hojjataman qabu. Seenaan mana

hidhaa, Man’dheeraa, qofti himamee hin dhumu.

Manni hidhaa Man’dheeraa, iddoo, Jaarraa

Abbaa Gadaa, dhibdee mataa isaa irra aanee, jaallan qaamaa fii sammuun rakkatan

jajjabeessuun, hogganummaa isaa hujiin itti

mirkaneesse keessaa tokko. Kana malees,

Jaarraa Abbaa Gadaa itti gaafatamaa Qeeyroo

Ganamaa tahee, fuula Ziyaad Barree dura

dhaabbatee, seenaa Oromoo nama barsiise. Hidhamaa ykn boojihamaa tahanii, qaallicha urjii

ifiin caanceesse ija keessa daawwachaa,

“seenaan ati deemtuun tan kijibaa ti. If dhibda

malee ittiin hin milkooytu,” jachuuniif

gootummaa gootummaa olii qabaachu nama

barbaachisa. Jaarraa Abbaa Gadaa jeeyna onnee akkasitiin faayame. Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaaa, hidhaa bara

shanii fii guyyaa kudha-lamaa booda,

Man’dheeraa keessaa baasee, odoo bitaa fii

mirga namaan hin-daddabne, akeeka

ganamaatti nama deebisa. Hidhannoo

barbaacha baheef, kan bahara qaxxaamuree dafka lubbuu xuruurseef malee, harka qullaa

onnuma ganamaa saniin, mudawwar adii,

kalooytaa adii fii imaamata adii uwwisee, akka

warri karaatti arkan ja’aniinitti, nuur bi nuur fakkeessee, gammoojjii Soomaalee keessaan,

miilaan karaa biyyaa namaan qaceela. Moggaa

dachii-rraa Hargeessa fidee, acii Wacaale

keessa tirachiisee, Hadraa Sheekh Husseen tan

Tulluu Guuleedi-tti hara nama baafachiisa.

Tulluu Guuleed irraa Gaara Qundhudhoo yaabbachiisee, Ganda Quraa gubbaan qilleensa

qabbanaawaa Oromiyaa somba unachiisaa,

Biyyoo Adaree halaalaa nama daawwachiisa.

San keessa nama oofaa fidee, amna dheeraa

biyyoota meeqa booda, Bitooteessa 14, bara

1976, Aaw-Wadaay duubaan Gobeelle nama fida. Achirraa Qabsoo Hidhannoo Bilisummaa

Oromiyaa tan Elemoo Qilxuu faan irraa

wareegaman itti nama deebisa. Yaroo Jaarraa Abbaa Gadaa, maqaa guutuu

Oromoo tiin qabsoo hidhannoo jalqabe, yaroo

tooftaan lammi adda qoqqooduu, kan diinni

baroota hedduuf irratti hojjachaa ture, karaa itti

qabateef ture. Gaafni san, gaafa, mootummaan

Habashaa Oromiyaa keessatti sirritti hidda gadi jabeeffatte. Gaafa nafxanyoonni “hadaraa Hayle

Sillaasee!” qofaan, hawaasa Oromiyaa

bobbaasanii galchaa turani. Kana malees,

yaroon san, yaroo Xophiyummaan onnee

Oromoota hedduu itti dhunfatte ture. San

malees, yaroo, gariin lammii eenyummaa isaanii gatani. Gariiniis if dhooysuuf ijibbaata cimaa

godhaa turani. Walii-galatti, yaroon san, yaroo

lammii Oromiyaa keessaa irra hedduun,

“harqoota mootummaa Habashaa jalaa bahuun

hin dandayamu,” jechuun, gabroomsaaf

oggolani. Jaarraa Abbaa Gadaa, haala akkasii keessatti,

gufuulee diinni eenyuummaa lammii

dhabamsiisuuf baroota hedduuf tarrisaa bahetti

qaataa harkise. Maqaalee adda addaa, kanneen

saba Oromoo gargar qoqqooduuf moggaafaman

macalaasee, Oromummaa du’arraa kaasee, sab-boonummaan faayee, qabsoo bilisummaa

ummata Oromiyaa tiif xurree baasuuf, daggala

gabrummaa-tti ibidda qabsiise. Kana malees,

Oromoota magaalaa keessatti maqaa Oromoo

tiin dhaaba dhaabbatan, kani sirritti hin beeyne,

ilmaan sabaa tahuu isaanii qofaanf amanee, aangoo isaan magaalaa keessatti wal muudan

gaaffii takka malee fudhachuu fiin, tokkummaa

sabaa hujiin mirkaneesse. Haaluma hundattuu, daandii haaraya saaquun

salphaa miti. Qarooma malees murannoo cimaa

barbaada. Hawaasa eenyummaa isaanii gatanii

diinaaf oggolaa jiran keessatti, qabsoo

hidhannoo adeemsisuuf ka’uun murannoo

murannoo olii ti. Jaarraa Abbaa Gadaa odoo sab-boononni hundi qabsoo hidhannoo jalqabuu

mamanii, ni dandayamtii itti amanee, kophaa

isaa gaara jiiysuuf dongoraa fudhatee itti seene. Jaarraa Abbaa Gadaa, qabsaawaa jaallan waliin

malee kophaa qorii harka hin keenye. Yo

nyaanni kan wal hin geenye itti fakkaate,

malaan jaallan nyaachisee ifii agabu, jeeyna

geeraree nama onnachiisu, duulee duulchisu,

kan lubbuu jaalaa baasuuf, tan isaa halaaka keessa naqu. Kana malees, Jaarraa Abbaa

Gadaa, hooggana duulatti nama ergee ifii

duubatti hafu odoo hin taane, kan duula

godhamu hundarraa, jaallan dirqitti if duubatti

hambisani. Gootummaan isaa qe’ee diinaa

keessatti-llee beekkamtu. Nafxanyoonni yaroo maqaa isaa dhagayan hin baarayne hin jiran.

Yaroo ija isaa, tan goobana gaggeessu namatti

dhaabu, dhanfoora keessa hulluuqee, sammuu

keessaa waan yaadan kan daawwatu faakkaata.

Sujuunni addarraa ifu qulqullina onnee fii qalbii

sirritii mirkaneessa. Kilaash dacha’aa fii zinnara isaa hidhatee hoggaa nama dura dhaabbatee

haasawu, haalli isaa daawwatamee – haasoyni

qoma isaa keessaa burqu dhageeffatamee, hin-

quufamu.

ABO.ARAARSO BIQILAA ABO Baha Oromiyaa Magaalaa Haramayaa

Leenjiin Miseensootaa fi Dabballoota ABO Baha Oromiyaa Magaalaa Haramayaa gaggeeyfamaa ture milkiin xumaramee jira

.

LIKE ,COMMENT,SHARE,SUBSCRIBER GORADHAA

Thursday, November 8, 2018

OBBO MUKTAR KEDI BARA 2016 IRRAA KAASEE EESSA JIRA?


TEAM LAMMA-Gareen jedhamee OPDO Duraanii ykn ODP ammaa keessaa uumamee kan P/M/N Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaatiin dursamu duuba irraan qeerroo hiriirsisee gamoo gabrummaa jabaa woyyaaneen saba keenya irraa jijjigsuuf dimaamitii cimaa PM.DR.Abiy Ahmeditti baachisanii erga masaraa mootummaa seensisan booda jijjiiramoota baayyee agarree jirra.


-Qaamotni dinagdee biyyattii akka lafee ququmsanii nyaatan himannaa tokko bale bilisaan akka jiraachuu danda'an arguu eegalle.

-Dhaabbileen siyaasaa hedduun biyya irraa baqatanii biyya namaatti siyaasa biyattii irratti hojjechaa turan maqa balleessi isaan irratti mootummaa biyya keessaan geggeeffamu dhaabbatee bilisaan biyya keessa galanii dhimma siyaasa isaanii geggeeffachuu akka danda'an agarre.

-Miidiyaaleen garagaraa kan dhimma siyaasa biyyattii irratti mormii geggeessanis bilisa bahanii akka biyya keessa seenanii yaada isaanii bilisaan akka geggeeffatan godhame.

-Hidhamtoonni(sirreeffamtoonni)siyaasaa hedduunis bilisa bahanii akka biyya isaanii irratti falmii karaa nagayaa geggeeffataniif haalli sirraahe.


kun hundi godhanee osoo jiruu Prezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii kan turan Obbo Muktaar Kadiir wayta taayitaa isaanii irra turanitti gaariis haa dalagan badaa siyaasa biyyattii wayta sana ture madaallii keessa galchamee namni kun hayyuu ilma Oromoo tokko,badii isaa olii kan hojjetanii turaniyyuu harra dhiifamni godhameefii abaaboofi marga jiidhaa,dammaafi aannaniin simataa Ida'amni Obbo Muktar Kedir irratti hin hojjenne albaadhessummaadha.


waan kana mootummaan naannoo Oromiyaa hubatee nama kana akka dhaaba kan keessatti shoora isaa bahatuuf carraa kennuufiin dirqama jedheen yaada.bara kana wanni saba Oromoo keessatti agarru akka kubbaa miilaa badii hedduu dalagdee deeggartoota qabaannaan badiin kee akka jaakkeettii sirraa bahee bilisaan boontee jiraatta.kun akka hafuuf garuu waliif yaaduufi garaa baldhachuun furmaata jedheen yaada.horaa bulaa. Mohammed Bin Aljazeera 

Wednesday, November 7, 2018

Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti

Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse gaafi namoota hedduu ta’u danda’a. Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti akkasumas akka isheen dubbateetti. Yeroo isheen waggaa saddeet turte sanatti naanno isheen itti dhalattee sana jeequmsaatu ture, jeequmsa kana keessatti obboleewwan ishee kan dhiira fi abban ishii akkasumas manni isaani ibiddaan kan gubame ija ishiitin raga baate. Yeroo kanattii Mahbuuba fi obboleetti ishii harka daldaloota gabroota jala seenan. Daldalootni kuniis Mahbuuba fi obboleetti ishii gara magaala Gondar Kaaba Ixoophiyaatti imalchiisan. Achittii gabaa gabrootaatu ture. Gabrootni naannolee Kibbaa biyyaatti irra fidan hunduu magaala Gondariirra gara Suudanitti geefamaa turan. Sudaan irra immo gara Biyyaa Masriitti kanneen geefaman keessa Mahbuuban ishee tokko dha. Imala kana gidduutti iddoon obboleetti ishii baddee beeku baatus yeroo sanatti Oromoota hedduu yookan immo warrootni Afaan ishii beeku hedduu wajjiin turte. Jaarra 19ffa keessatti gabrootni biyyaa Ixoophiyaarra dhufan lakkoofsan gara kuma diigdami shan (25,000) tilmaamama, hedduunsaani kibbaa biyyattiirra fidan. Kanneen keessa Oromootatuu baayyata. Warroota asirra biyoota Awroopa, fi Hindiitti kanneen gurguraman baayye dha.


Biyyaa Masriitti, Hermann erga Mahbuuba bitate booda ishee waliin biyyoota garaagara deeme. Yeroo kanatti Mahbuuban umrii wagga 10 – 12 gidduu taatus, bilchina sammuu fi akkaata amala ishii yoo ilaalan nama hojjaan madaalamuu mitii. Kanarra kan ka’e, Hermann jaalala Mahbuubatin booji’ame. Biyyaa Jarmaniitti haadha manasaa wajiin wal yaa hiikani iyyuu, Mahbuuba wajjiin akka niitii lammaffaa walii-wajjiin jiraata ture. Adeemsa isaa keessatti biyyyoota kannen akka Felestiin, Suuriya, fi Istanbuul(Turkii), Mahbuuba wajjiin deeme. Biyyoota kana keessa intala kana qabatee wajjiin deemu waan sodaatef, uffata loltuu dhiira uffisee wajjiin deema ture.

itti fufaa

mahabubaa part 2 Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse

mahabubaa

part 2

Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse gaafi namoota hedduu ta’u danda’a. Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti akkasumas akka isheen dubbateetti. Yeroo isheen waggaa saddeet turte sanatti naanno isheen itti dhalattee sana jeequmsaatu ture, jeequmsa kana keessatti obboleewwan ishee kan dhiira fi abban ishii akkasumas manni isaani ibiddaan kan gubame ija ishiitin raga baate. Yeroo kanattii Mahbuuba fi obboleetti ishii harka daldaloota gabroota jala seenan. Daldalootni kuniis Mahbuuba fi obboleetti ishii gara magaala Gondar Kaaba Ixoophiyaatti imalchiisan. Achittii gabaa gabrootaatu ture. Gabrootni naannolee Kibbaa biyyaatti irra fidan hunduu magaala Gondariirra gara Suudanitti geefamaa turan. Sudaan irra immo gara Biyyaa Masriitti kanneen geefaman keessa Mahbuuban ishee tokko dha. Imala kana gidduutti iddoon obboleetti ishii baddee beeku baatus yeroo sanatti Oromoota hedduu yookan immo warrootni Afaan ishii beeku hedduu wajjiin turte. Jaarra 19ffa keessatti gabrootni biyyaa Ixoophiyaarra dhufan lakkoofsan gara kuma diigdami shan (25,000) tilmaamama, hedduunsaani kibbaa biyyattiirra fidan. Kanneen keessa Oromootatuu baayyata. Warroota asirra biyoota Awroopa, fi Hindiitti kanneen gurguraman baayye dha.


Biyyaa Masriitti, Hermann erga Mahbuuba bitate booda ishee waliin biyyoota garaagara deeme. Yeroo kanatti Mahbuuban umrii wagga 10 – 12 gidduu taatus, bilchina sammuu fi akkaata amala ishii yoo ilaalan nama hojjaan madaalamuu mitii. Kanarra kan ka’e, Hermann jaalala Mahbuubatin booji’ame. Biyyaa Jarmaniitti haadha manasaa wajiin wal yaa hiikani iyyuu, Mahbuuba wajjiin akka niitii lammaffaa walii-wajjiin jiraata ture. Adeemsa isaa keessatti biyyyoota kannen akka Felestiin, Suuriya, fi Istanbuul(Turkii), Mahbuuba wajjiin deeme. Biyyoota kana keessa intala kana qabatee wajjiin deemu waan sodaatef, uffata loltuu dhiira uffisee wajjiin deema ture.

itti fufaa

Monday, November 5, 2018

Waraanni ykn WBOn ajaja ABO hin fudhannee Waraana Adda Bilisummaa Oromoo ABO/WBO tahuu hin dandeyu.Araarsoo Biqilaa

Waraanni ykn WBOn ajaja ABO hin fudhannee Waraana Adda Bilisummaa Oromoo ABO/WBO tahuu hin dandeyu.Araarsoo Biqilaa 

=======================

IA/HD ABO Obbo Araarsoo Biqilaa baha Oromiyaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti Sadaasa 4/2018 haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi marii araaraa Addi Bilisummaa Oromoo ABOn motummaa naanno Oromiyaa fi motummaa Fedraalaawa Itoopiyaa waliin irra gaye jiru irratti ibsa bal’aa hirmaattota sirnichaaf kennanii jiran.


ABOn waliif galtee motummaa naanno Oromiyaa waliin qabu kanatti fayyadamuudhaan Qabsoo karaa nageeyaatiin gaggeeysuuf kan murteyfatee jiru ahuu ibsee baka sossohan hundatti deggarsa gara motummaa naannoo Oromiyaatiin isaaniif taasifamaa jiru maqaa ABOtiin galata guddaa Pre/motummaa naannoo Oromiyaa Dr kabajaa Obbo Lammaa Magarsaa fi Mummee Ministeera Itoopiyaa Dr Abiy Ahmed kan galatoomfatan tahuu Obbo Araarsoo Biqilaan dubbatee jira.


WBOn mooraa Leenjii Polisii Oromiyaa “Ardiyyatti” Leenjii fudhachaa jiru yeroo muraasa keeysatti Leenjii isaa xumuratuudhaan Polisii fi Kora Bittinneeysaa Oromiyaatti dabalamee nagenya Ummata Oromoo  tiksuu keeysatti shoora gama isaa kan gumaachuuf jiraatu tahuu Obbo Araarsoon addeeyseeti jira.


Biyya takka keeysa waraanni lama hin jiraatu waan taheef WBOn akkuma jirutti hundi isaa Mooratti galee Leenjii barbaachiftu eega fudhateen boodatti Polisii Oromiyaa waliin nageenya ummataa tiysuuf jiraata jechuudhaan gaaffiilee hirmaattota sirnichaa irraa dhihaataniif deebisaa kennanii jiran.


Waraanni ajaja dhaabaa isaa hin fudhannee waraana sirnaa tahuu kan hin dandenye tahuu itti dabaluudhaan I/A/HD ABO Obbo Araarsoo Biqilaa haasawa bal’aa baha Oromiyaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti  Sadaasa 4/2018tti hawaasa naannichaaf godhaniin addeeysaniitii jiran.


Murtiin WBOn mooratti galee leenjii fudhatee Polisii Oromiyaatti dabalamuu kuni murtii maayyii kan ABO fi motummaan naannoo Oromiyaa irratti waliif galanii jiran waan taheef WBOn waliif galtee kana hujiitti hiikuu hin fudhanne ajaja ABO jala kan hin jirre tahuu Obbo Araarsoon gaaffilee hidhannoo WBO laalchisee hirmaattoota sirnichaa irraa dhihaataniif laate keeysatti mirkaneeysee jira.


   (Abdusalam Suutee)

Injifannoo dhiiga Qeerrootiin dhufeen jijjiirama argame irraa ollaan keenyayyuu

Injifannoo dhiiga Qeerrootiin dhufeen jijjiirama argame irraa ollaan keenyayyuu akkasitti buufataa jira. Gatiin simintoo kuntaala tokkoo araara dura Eertiraa keessatti Naqfaa 3000 ture. Amma garuu Naqfaa 180tti gadi cabe. Bunni kiiloon tokko NKF 200 irraa gara NKF 50tti gadi cabe. Oromoon abbaan qabsoo garuu ammas dhiigni isaa dhangala'aa jira. Bu'aa qabsoo keenyaarraa injifannoo hammaarrachuu qabnu wal dhorkaa jirra. Yaa jerana mee kanallee laallee xiiqiin nu haa qabu.

Ganama Lammaa Magarsaa nagayan buusa jedhee abidda qabatetti bishaan

Ganama Lammaa Magarsaa nagayan buusa jedhee abidda qabatetti bishaan rapha. Galgala dabballeefi kaabineen  isaa biinzila firfirsitee kibriitaan qabasiifti. Kun kan agarsiisuu laamsha’uun bilchiinsa garajalaa waywaanuuf sun kaabinee MNO biras ol gahuu isaati. Rabbi biyyaafi saba keenya haa baasu malee maal jenna!

Sunday, November 4, 2018

Galaasaa_Dilboo qabsawaa fi Hogganaan Qabssoo Bilissummaa Oromoo baga

JARRAA TUBE:Kutetaafi muretaa Abbaa Keenya, Abbaa Qabssoo Oromoo Hayyuu Duree Adda Bilissummaa Oromoo Kabajamoo Jaal #Galaasaa_Dilboo qabsawaa fi Hogganaan Qabssoo Bilissummaa Oromoo baga Nageeyaan Guyyaa carraa biyya keetitti deebii’uu argatuu kanaan isin gahee. Abbaan Araaraa kan faana qabbana Obboleeyissa Keenya Kab Dr. Workneh Gebeyehu Ministeera Dhimma Haajaa alaas kabajaa guddaa nu biraa qaba waan adda durummaan Waa’ee Araarama dhaaboolee Siiyaassaa kanaafi Nageeya buusuu irratti shoora olaan taphatuu isaanif. Baga Milikkooyittan.

Jiila ABO J/Araarsoo Biqilaan durfamuuf hawaasa naannichaan simannaa owwaan taasifameefii jira. Aartsitttonni Oromoo

Baha Oromiyaa Aana Miidhagaa Lolaatti Jiila ABO J/Araarsoo Biqilaan durfamuuf hawaasa naannichaan simannaa owwaan taasifameefii jira.

Aartsitttonni Oromoo bebbakamoon akka Faaxee Anniyyaa sirna kana irratti argamuudhaan gar-malee hawaasa gammachiisaa jiran.

  • JIRRAA TUBE

Dr Abiyyi Ahmad, Giiftii Dureen Zinnaash Taayyachoo

OBN Onk 25, 2011 - Ministirri Muummeen Itiyoophiyaa Dr Abiyyi Ahmad, Giiftii Dureen Zinnaash Taayyachoo fi Ministirri Geejjibaa Aaddee Daagmawit Moogas har'a gidduu gala Kunuunsa Jaarrolii Maqidooniyaa, warreen dadhaboo tayanii fi dhukkubsattoota sammuu achitti argaman Daawwatan.  Giiftii Dureen Zinnaash Taayyachoo gidduu galichaaf wiilcharaa 15 arjoomani jiru.

Kitaabni maqaa MUL'ATAN QABA jedhuun Afaan Oromootiin qophaa'e

Kitaabni maqaa MUL'ATAN QABA jedhuun Afaan Oromootiin qophaa'e Finfinneetti eebbifamaa jira. Kitaabni kun Barreeffamootaa fi Haasaawwan Falmaan Mirgoota Dhala Namaa Maartiin Luuter Kiing Xiqqichi bara lubbuun turetti addunyaaf gumaachee darbe irratti kan fuulleffatedha. Kitaabni kun Dura Taa'aa Itti Aanaa Paartii KFO Obbo Baqqalaa Garbaatiin kan qophaa'e yoo ta'u, bakka keessummoonni hedduun argamanitti eebbifamaa jira.


Obbo Lammaa Magarsaatu kana jedhe.

"JARRAA TUBE Kaleessa ummanni Oromoo mana hidhaa yoo guurramu,ummanni Oromoo yoo dararamu hundi keenya eessa turre?"Pireezidaant Lammaa Magarsaa

-

Inni har’a na qabaa na gadhiisaa jedhu kaleessa ummanni Oromoo waggaa 27 guutuu mana hidhaatti dararamu eessa ture?Salphina keenya kan ta'u yoo O romoon Oromoo dhiigseedha, rakkoo keenya kamuu akkuma waadaa keenyaatti mariin furanna.Kan wal waamne wal waraanuf miti cancala ummata Oromoo irraa hiikkachuuf mari'achuuf malee.

Haala amma keessa jirru ODP miti ABO miti ummanni Oromoo mataasaa irratti hasawuu , mari'atuu qaba.Abbootiin Gadaa kan gorfamuu qabu gorsuu qabu.

Nuti kan barcumaarra teenye maqaa dhuunfaa keenya qabannee miti ,maqaa ummata Oromoo qabanneeti.Yoo nuti cabne Oromootu caba.

Har'a injifannoo harka keenya hin seenne wal saamuuf hojjenna taanaan hunda keenyatu wal qabannee hallayyaa seena.

Guyyaa tokko Oromoon haa hiikkatu jennee hin beeknu akka hiikkatus hin feenu.


Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala nageenya naannicha keessa jiru hanga gandi keenya diigamu,daandiin cufamu obsa obsaa oliin yoona geenyeerra.

Garuummoo Mootummaan seera kabachiisuun dirqama qaba namni seera cabse yoomiyyuu ni gaafatama.Kan nuti qabsoofneef Oromoon seera yoo cabsu akka hin gaafatamnee miti ummanni keenyaa haqummaan walqixxummaan akka jiraatu malee.

Dubbii amma ta'aa jiru teenyee ilaalurraa teenyee mari'achuu qabna.Yoo teenyee mari'annee haaqa jiru walitti himnee dhimmi kun hanga dhimaatti ni hiikkata.Nuti ilmaan Aabbaa Gadaa jalatti guddanneedha teenyee mari'annee rakkoo mana keenyaa hiikkachuu qabna."

Nageenyaa waaraa fiduuf gaheen humna poolisii olaanaa dha-Obboo Lammaa Magarsaa

JIRRAATUBE.OBN Onk.24, 2011- Oromiyaan poolisoota kuma 6 ol kan Wiirtuu Leenjii Sanqalleetti leenjisaa ture ebbise.

Sirna ebbaaa kanarratti Pireezdaantiin Naannoo Oromiyaa obboo Lammaa Magarsaan argamanii dhaamsa hojii dabarsaniiru.

Ammaan booda filannoon qabnu lama, inni tokko naannoo keenya eegsisuun jijjiirama amma dhufe itti fufsiisuu yoo ta'u, kan lammataa gabrummaa keessaa bahuu hin dandeenyetti deebi'uudha jedhaniiru pireezdaant Lammaan

Pireezdaanti Lammaan, diinni ni riphe malee hin kufne, dukkanatti nu deebisuuf yaaliin godhamaa jirus bal'aadhan jedhaniiru.

Ammaan booda jilbiiffachuun nuuf salphina; aggaammii kallattii kamirraayyuu dhufu qolannee Oromiyaa qofaaf otoo hin taane biyyaaf wabii ta'uuf humna jabaa akka sibiilaa ijaarrachuutu barbaachisa jedhaniiru.

 Kanaaf humni poolisii har'a eebbiifamee nageenyaa waaraa fiduuf gaheen keessan olaanaa dha jechuun onnachisaniru. 

Kanamalees,dimokiraasiin lallabuu qofaan hin dhufu; bakka irree barbaachisutti humna jabaa roorroo ittisu qabaachuu gaafata jedhaniiru pireezdaant Lammaan.

Poolisoonni Koolleejjii Poolisii Oromiyaatti Inistiitiyuutii Leenjii Idilee fi Ogummaa Poolisiitin har'a ebbifaman, leenjii barumsa seeraa fi heeraa, ittisa yakkaa fi naamusa poolisii argataniiru.

Poolisoonni kunneen humna nageenya Oromiyaa akka cimsanis ajajaan inistiitiyutichaa Koomaandar Gammachuu Gomoroo himaniiru jechuun Yeroon Toleeraa gabaaseera.


Friday, November 2, 2018

Dammaqaa Nagaasaa

Odeefannoo qabatamaa Maqalee irraa bahaa jirtu!!
====================================
1.Geetachoo Asaffaa fi TPLF Oromiyaa dirree waraanaa taasisuudhaaf birrii Milyoona kudha Jaha (16,0000,000) haarayaatti ramadanii hojjataa jiru.
2.Magaaloota Oromiyaa hunda keessatti kashalabboota bobbaasanii Amaaraa fi Oromoo waliitti buusuuf qopha’aa jiran!!
3.Hariiroo Itoophiyaa fi Eritiraa laaffisuuf,Sudaan illee cehanii Pirezdant Albashiriin sossobaa jiran.
4.Tigiraayi wayita ammaa Mootummaa Fedaraalaa irraa ajaja kamuu akka hinfudhanne cimsanii irratti hojjatanii cichoominaan duula bal’aa bulchiinsa Muummicha Ministiraa Dr.Abiyyi Ahmedi fi Pirzdantii BMNO Obbo Lammaa Magarsaa irratti gaggeessaa jiran.
5.TPLF Shira ishii kana galmaan gahuudhaaf murnoota adda addaa mahallaqa guddaa itti dhangalaastee Maqaleetti waliitti qabataa jirti.
6.Tigiraayi wayita ammaa Mootummaa mataa ishii qofaan bultudha jechuun ni danda’ama.Hojiin isaanii warra walii hingalle jeeqaa ofii nagaan jiraachaa duula bal’aa Uummattota gurgurdaa biyyattii lamaan Oromoo fi Amaara waliitti buusuudha!!

GAAFFII:Shirri Kun hanga yoomiitti itti fufa?
Deebii adda durummaan Mootummaan deebiisuu qabudha.Uummanni keenya illee murna murnaan walqoodee waliitti wacuu dhiisee dhimma dammaqinaa fi bilchinaan hordofee furmaata itti soquu qabudha!!
#Olaantummaaseeraa!!!

Yaya Basher

Mootummaan haaromsaa kun olaantummaa seeraa mirkaneessuu irratti tarkaanfii mul'ataa fudhachuu hanqachuun balaa dhufu dabalaa deemaa jira. Shiroota qaamota siyaasaa aangoon harkaa buutee fi warra cabsataan aangootti bahuuf bololan gidduutti shiramaa jiru osoma beekanii bira darbaa jiru. Kun kan godhamaa jiruuf dubbannee wal dhageessisuu dandenya hawwii jedhurraa akka tahe naaf gala. Haa tahu amlee obsi akkasii yoo dheerataa deemu gatii hadhooftuu kafalchiisuu danda'a. Dhugaa beekanu ragaa harkaa qaban waliin ummatatti himanii balaa dhufaa jiru deebisuu mannaa marmaranii irra taa'anii karaa namoota hagoo qofaan gad baasuun faayidaan isaa natti hin mul'atu. Odeessonni rifaasisoon karaa namtokkeeleetiin gad baafamanii yeroo himaman ummata amansiisuuf humna hin qabani. Inumaa olola maqa balleessiis fakkaachuu danda'u. Kanaafuu dhugaa jiru officially walitti himanii badii irra hamaa dhufuuf jiru yeroodhaan dhaabsisuu wayya. Fayyaaleyyii hongee odeeffannootiin dhahamaniifis ija baneefii waan keessa jiran itti garsiisa.

Sun tahuun hafee akka amma mul'ataa jiru kanatti deemnaan garuu hireen Oromiyaas tahee biyyattiin kun qabdu waan lama keessaa tokko qofa taha. Tokkoon qaama tahe tokkoon (kan aangoo irra jiruunis tahee kan cabsataan itti dhufee qabachuu maluun) sirni abbaa irrummaa gad dhaabbachuu mala, yookiin ammoo eenyunuu eenyuunuu moohachuu yeroo dadhabu biyyattiin diigamtee Siiriyaa yookiin Liibiyaa tahuuf deemti. Hafuurri biyyattii bakkoota baay'ee keessatti mul'ataa jiru kanuma ibsa. Filannoo keenya biyyi diigamtee sirna dhablummaan moohuu yookiis abbaan irrummaa deebi'ee dhufuu akka hin tahin beekamaa dha. Filannoon keenya dimokraasii dha. Akka amma mul'ataa jirutti garuu carraan dimokraasiitti deemuuf jiru dhiphatee carraan diigamsaa yookiin ukkaamsaatti nu geessu bal'atee mul'ata. Balaa dhufaa jiru kana kan deebisuu danda'u hoggansa amma gaafatama irra jiru qofa. Karaan ittiin balaa kana oolchuu danda'u gurguddaan ammaaf waa lama:
1. Siyaasaa kadhannaa fi ushururuu keessaa bahanii tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessu fudhachuu
2. Odeessa dhimma tika biyyaa kan ummanni argachuu dhabee burjaajawaa jiru ragaa amansiisaa waliin gadi baasanii ummatatti himuu dha. Filannoon kan abbaati!

UNHCR evacuates hundreds of vulnerable refugees out of Libya to safety

UNHCR evacuates hundreds of vulnerable refugees out of Libya to safety Add caption