Sunday, December 30, 2018

Dhaamssa itti aanaa hayyu duree ABO Jaal Araarsoo Biqilaa

Yeroo tokkotti karaa lama hin deeman-  Dhaamssa itti aanaa hayyu du
ree ABO Jaal Araarsoo Biqilaa

Nuti Mootummaa wajjin mariyannee karaa nagayaatin qabsaa'uuf murteefannee gara biyyaa galle jedhan obbo Araarson.

Obbo Araarson namni tokko yeroo tokkotti karaa lama hin deemu, karaa tokko murteefannee dhufne, karaan tokkichi murteefannee dhufne karaa nagayaati, karaa naayaa nagayaa kan murteefannee dhufne akka dhaabaatti murteefanne, ammas karuma sanirra deemaa jirra jedhan.

Waraanni ABO waraanni keenya ajaja keenya jala jira, waraanni ajaja keenya hin fudhanne waraana keenyaa mitis jedhaniiru.

Warreen maqaa bilisummaa Oromoo golga godhatanii halkan deemanii waa baleessan nuun walitti fiduun barbaachisaamiti, waraanni keenya naamusa qaba, seera beeka, leenjii qabaan ibsaniiru.

Ummanni keenya lolee miidhame, ajjeefame, saamame, biyyarraa baqate, amma booda lola gurraan dhagayuu hin fedhu, yoo waan waan ummanni hin feene qabattee deemte hin milkooftu, walii galteen karaa nagayaatiin Mootummaa wajjiin goonees kanaaf ummata Oromootiifi Ummata Itoophiyaa hunda gammachiise, karaa nagayaatiin qabsaahuun murteefannee jirra, karaa nagayaatiin qabsaahuu keessa moohuu fi moohamuutu jira, yoo dorgomnee moohamnees rakkoon hin jiru, dorgomuun moohuu fi moohamuudha, yoo yaanni kee deeggarsa arkatee injifate ni moota.

Yookaan ni kufta, biyyi guddatees akkasuma, baga na injifatte, Biyyaa waliin jaarraa je'ee harka wal fuudhee gammachuun addaan deema, atiis ilma biyyaati, biyyuma tanarra jiraatta, wanni guddaan biyya tee keessatti nagayaan bobbaatee nagayaan galuu dandeesse arra moohamtu boru moota, nuti qabsoo karaa nagayaa akka Dhaabaatti murteefannee dhufne, murni tokko lola filatee murni tokko karaa nagayaa hin filanne, hoggansi keenya walumaan karaa nagayaa murteefatee dhufe, isarratti ammoo halkan hin hojjannu, guyyaa hojjanna jedhaniiru.

Warra teeknooloojii yeroon fidde ykn meeshaa barri fide kanatti fayyadamee ummata keenya jeequutu jira, warra nu diguuf waan hin taane ajaandaa godhatanii tokkummaa keenya kan jabaate kana diiguuf hojjataniitu jira, ummanni keenya kana laaleeti waan hojjatu dhiiseeti addaan baafachuuf torbaanii ol telofoona qabatee fiiga, Ummanni keenya maaltu tahe je'ee itti rakkachuu osoo hin taane maddi dubbii kanaa eessa? eenyutu duuba jira ? maddi isaa eessa jedhee addaan baafachuu qaba, qeerroon teenya hubattee jirti, ummanni gabrummaa hurgufatee jira, gabrummaa hin hayyamu, ummanni keenya akka dhugaa malee humniti nama hin bulchine hubatee jira, nutiis akka dhaabaatti hubanoon ummata keenyaa kun nu boonsa, nutiis qabsoo keenya kan karaa nagayaa Mootummaa wajjiin hojjanna.

Nuti qabsoo karaa nagayaa kan gaggeesinu ummata keenyaa wajjiini, mootummaa naannoo Oromiyaatii fi mootummaa federaalaa wajjiin mariin hojjanna jedhu obbo Araarsoon.

Waan hojjannu hunda waliin hojjanna, mariin keenya kan jalqabaatiis kanuma ture, har'a kan biyya bulchaa jiru hundi Oromoodha, muumichi minsiteeralleen Oromoodha.

Karaa qabanne kanaan ummata keenya wajjiin galmaan geenya, dhugaa jiruus dhodlsuum waam hin dandayamneef dhugaa walitti himnee waliin hojjanna, kan dhumaa rakkoo fedhe dhalatu mariin fixanna malee ilmaan Oromoo qawwee walitti deebisuu hin qaban yaada ja'urratti walii gallee jirra.

Amma booda akka amma duraatti ilmaan Oromoo walafaan deebisanii dhiiga walii dhangalaasuun seenaa tahee hafuu qaba kan ja'uun mariin keenya gaggeefame.

Via Jèmäl Aĥmēd

UNHCR evacuates hundreds of vulnerable refugees out of Libya to safety

UNHCR evacuates hundreds of vulnerable refugees out of Libya to safety Add caption