Thursday, May 30, 2019
UNHCR evacuates hundreds of vulnerable refugees out of Libya to safety
Amid violent clashes and adeteriorating security situation in Tripoli, 149 vulnerable refugees and asylum-seekers were today evacuated to safety in Rome.
The evacuees are from Eritrea, Somalia, Sudan and Ethiopia. They include 65 children, 13 of them below a year in age. One of the children was born just two months ago.
Many of the evacuees need medical treatment and are suffering from malnourishment.
The group were moved from UNHCR, the UN Refugee Agency’s Gathering and Departure Facility (GDF), after surviving months in dire conditions inside detention centres in other parts of the city. The evacuation was carried out in collaboration with Libyan and Italian authorities.
“More humanitarian evacuations are needed,” said Jean-Paul Cavalieri, UNHCR Chief of Mission in Libya. “They are a vital lifeline for refugees whose only other escape route is to put their lives in the hands of unscrupulous smugglers and traffickers on the Mediterranean Sea.”
Earlier this week, 62 urban refugees from Syria, Sudan and Somalia were also evacuated from Tripoli to UNHCR’s Emergency Transit Centre in Timisoara, Romania. They will receive food, clothing and medical treatment before travelling onwards to Norway. The International Organisation for Migration (IOM) provided support with transportation.
UNHCR is grateful to States that have come forward with evacuation places however, new detainees are arriving at a faster pace than people are departing. More than 1,000 refugees and migrants have been evacuated or resettled out of Libya by UNHCR in 2019, while more than 1,200 others have been returned to Libya by the Libyan Coast Guard in just May alone after being rescued or intercepted while attempting to flee by boat.
With the fighting in Tripoli showing no sign of stopping, the risks of detainees being caught up in the clashes are rising. UNHCR reiterates its call to States to urgently come forward with further offers of humanitarian corridors and evacuations in order to bring detained refugees in Libya to safety.
More than 83,000 Libyans have been forced to flee their homes since early April, as rival forces continue to engage in fighting and heavy shelling. Local municipal governments and host communities have played a critical role in providing assistance to the displaced, many of whom are sheltered inside schools and other public buildings. Others have left to stay with friends and family in neighbouring towns and cities.
UNHCR has provided more than 9,000 displaced people with emergency assistance and relief items, and donated medical supplies and ambulances to hospitals through the Ministry for Health and the Libyan Red Crescent.
Nearly 600 people have lost their lives in the recent clashes, according to the World Health Organisation (WHO). Last week, two ambulance drivers died after being caught up in shelling attacks. UNHCR reiterates that targeting civilians and humanitarian workers constitutes a violation of international law, and calls for any perpetrators of such attacks to be held accountable.
For more information on this topic, please contact:
In Tunis, Tarik Argaz, argaz@unhcr.org, +216 29 961 295
In Rome, Federico Fossi, fossi@unhcr.org, +39 349 084 3461
In Rome, Barbara Molinario, molinarb@unhcr.org, +39 33 85 46 29 32
In Geneva, Babar Baloch, baloch@unhcr.org, +41 795 139 549
Gabaasni xumuraa koree araaraa ABOfi mootummaa maal dabarse?
![]() |
| Add caption |
Gabaasni Koree Araaraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi mootummaa gidduutti araara buusuun miseensota WBO bosona jiran karaa ittiin galanirratti hojjetaa ture gabaasa xumuraa dhiyeesseera.
- Mootummaafi ABO'n araara buusuuf waliigalan
- Koreen Teeknikaa araara mootummaa fi ABO maal irra gahe?
- 'Boordii filannootti galmaa'uufi filannoo dhufuuf qophaa'aa jirra'
Hayyu Duree ABO Daawud Ibsaa
Hayyuun Siyaasaafi miseensi koree kanaa Obbo Jawaar Mohaammad
Mata dureewwan walitti dhiyaatan
Wednesday, May 29, 2019
SEENAA ABUUBAKAR MUUSSAA Fii GUMAATA GUDDINA AFAANII FII AADAA OROMOO TIIF LAATE
Fii
GUMAATA GUDDINA AFAANII FII AADAA OROMOO TIIF LAATE
Dandeeytii kennaa uumaa fii beekkomsa barataniin gargaaramuun saba isaanii tiif waan hojjataniin, ykn-is laalaa fii rakkina saba isaanii hiikuuf tattaafata godhanii fii wareegama baasaniin, seenaa saba isaanii keessatti boqannaa miidhagaa namoonni qaban, qooda gumaachaniin wal caalanillee, yaroo fii naannoo mara keessatti hin dhabaman. Garuu, waan hunda biratti dinqifamaa tahe hojjaachuun, hawaasa keessatti jijjiirama guddaa fidaniin akka Urjii Bakkalchaatti hiriyoota isaanii caalaa ifanii warri mul’atan, ammoo, yaroo fii saboota hunda keessatti jibiri.
Jarri waan hojjataniin, waan bu’uraniin yokaan xurree baasaniin, hawaasa keessatti jijjiirama addaa fidan kuni, eenyummaan isaanii bara-rraa baratti hanga’a. Eega isaan adunyaa-rraa deemani-llee, bakka isaan hin-jirretti, hujii fii habaqaalli dhaaban hidda godhatee, lalisaa deema. Hayyummaa fii jeeynummaan isaanii kabajaa fii jaalala dheerinni yaroo hin irraanfachiifneen yaadatama. Maqaa fii yaadannoon isaanii tiis dhalootarraa dhalootatti tarkaanfata.
Warri haala olii kanatti zalaalam dinqifaman kuni, akkuma kan sabootaa biraatti kan Oromoo keessattiis qaalii dha. Haala kanaan, afaanii fii aadaa Oromoo kan diinni dhabamsiisuuf ijibbaataa ture dandeeytii fii murannoon dura dhaabbachuun, afaan Oromoo afaan boonsaa akka barbaachisutti ittiin gargaaramuun dandayamu tahuu hujiin agarsiisuun, aadaa fii afaan Oromoo tiif bu'ura hin diigamne dhaabuun seenaa qabsoo guddina aadaa fii afaan Oromoo keessatti namni maqaan isaa qalama dahabaa tiin barreeyfamu Abuubakar Muussaa ti. Abuubakar abbaa isaa Muussaa Wadaayii fii haadha isaa Faxumaa Haaji Alii irraa, baha Oromiyaa, godinaa Afran Qalloo, aanaa Oborraa, ona Dadar, araddaa Leelee Gabaa-tti, toora bara 1942 keessatti nama dhalate.
Abuubakar, akkuma kaa'imoota hedduu yaroo saniitti, akka if bareen barnoota amantii tiif hawaasa keeysa sosoohuu jalqabe. Yaroo tana, barnooticha biratti, aadaa fii hooda, heeraa fii seera manguddoon itti hojjatanii fii hawaasaan gaggeeysan qoratee if barsiisuun hawadame. Haala kanaa fiis afaanii fii seenaa biratti, mammaaksa, sheekkoo, geereersa, mirriiysaa, hibboo fii kkf qoma if guute. Isaa akkasiin waan dhagaye sammutti galmeeffachaa jiru, toora bara 1959 magaalaa Dirree Dhawaa seene.
Gaafni Abuubakar Dirree Dhawaa itti seene, gaafa seedanni jimaa karaa biyya alaa (Jabuutii fii Yaman) erguu haalaan oowwaa ture. Akki san, odoo hin turin, Abuubakar hujii barreeysummaa fii tooyannaa seedata ergiinsa jimaarratti mindeeyse. Gara biraatiin, Magaalaa Dirree Dhawaa keessa jiraachuun, afaan Arabaa kan barnoota ittiin jalqabe caalaa cimsachuuf, barruulee fii kitaabban afaan kanaan barreeffaman baayyinaan arktee dubbisuun, beekkomsa isaa guddisuuf haala mijjaawaa uumeef. Kana malees, afaan Soomaalee tii fii Amaaraa akka baratu godhe. Kuni, qooda guddina afaan Oromoo tiif laaterratti hedduu isa gargaare. Abuubakar, beekkomsa iaaa hujiin agarsiisuu fii guddina afaan Oromoo tiif qooda gumaachuuf karaan kan banameef, hundaawuu Hawwisoo Afran Qalloo tii ni.
Sossoohinsa galiin fiixa baate hunda duuba kan qoonni isaa murteessaa tu arkama. Abuubakar, nama seenaan sossoohinsa Afran Qalloo maqaa isaa tiin malee hin kaafamne. Abuubakarii fii waaheloonni lama, Usmaa'il Muummadii fii Alii Shabbioo, Jalqaba bara 1962, Hawwisoo Urjii Baakkalchaa tan hawwisoota Oromoo hundaaf angafa tahuuf jiraattu, magaalaa Dirree Dhawaa keessatti abuuran. Abuubakar, guyyaa hawwisoo dhaabuuf murteessan irraa halkan-guyyaa irratti hojjachuu jalqabe. Kaa’imman fedhii fii dandeettii wallisuu fii sirbuu qaban faana dhawee miseensoomsuun; warra wallisaniif walaloolee fii yadaloota qopheessuun; kanneen sirbaniif sossooha adda addaa baasuun; walleelee agarsiisni ittiin jalqabuu fii xumuramu, kanneen wallisoonni mata mataan wallisanii fii akka faaruutti tuutaan dhiheeysan, haala, yaroo fii fedhii ummataa tiin wal taasisee qopheessuun, yaroo gabaabduu keessatti, tuuta Urjii Bakkalchaa bifa hawwisoo qabachiise. Sana malees, ayyaana Iidaa tii fii sirna adda addaa-rraatti agarsiisa dhihaatan barreessuun, walaloo dhimma san calaqqisan baasee akka itti wallifaman godhuun, Hawwisoon Urjii Bakkalchaa yaroo gabaabduu keessatti akka beekkamtuu fii jaalatamtu godhe.
Walalooleen Abubaker Mussaa jireenya isaa gabaabduu keessatti barreesse heddu. Kanneen itti wallifamanii, hawaasa keessatti jijjiirama guddaa fidaniis akkasuma. Warra dheerinni yaroo miidhaga isaanii hin moofeysine keessaa, akka wal-duraa duuba tarrifama qubee tiin;
• Abbaa keetii jeeynaa an silaa siin saamaa
Loosha irgoo caamaa as koottu siin yaama
• An hamileen tiyya sumaa
Sa ati hoo tee eenyumaa
• An si jaallee yaa lubbuu too
Cinqamee bar an kophaa koo
• Ashiita shumuraa loosha bishaan biraa
Azeeba timiraa Jannanni si bira
• Bareeddu bareedduu way yaa bareechituu
Si birattiin ka'ee koo yaa qaceelchituu
• Bariitu ganamuu waaritu galgaluu
Na duraa mul'attaa yaada oolee hin-bulu
• Birraan naaf barihee ililliin urgooytee
Dilii maaliin qabaa Rabbii kiyya Gooytee
• Deemi quufi daawwii yaa ija bololtuu
Bayxee yaata malee waan namaa hin arkattu
• Dhagay tiyya dhagay gurraani
Jaalati dilli kuni waluu barraani
• Guyyaan guyyaa dha inninuu, ni agarra mee waliinuu
Kee bareenni qaaliinuu, na boochise kee amallinuu
• Ija lameen kuulaa yaa ilillii birraa
Ilillii maawardii ashiitee koo firraa
• Jaalalti jaalalaa mi'ooytuu qacalee
Yo akka jaala garii, numa hin-beeyne malee
• Jaaluma jaalumaa, jaalatan maalumaa?
Jaalatan dubrumaa, yo dhaban sabruma
• Koottu yaa biiftuu tiyya if duraan si qaba
Dawwitii tiyya sumaa daawwii qaba
• Koottu yaa ilillii an siifiin wallisaa
Utaaltee yo hin-dhufne firraa hiin callisa
• Kophaa koo na dhiiftee ati deemuuf kaanaan
Dubbachuun dadhabde ati naan dubbannaan
• Na jaalatte gama keetiin yo hawwan kee tahe malee
Kan ati feetu hin fedhan dureeysa akka isaanii malee
• Na laali siin laalaa yaa shankoora aalaa
Jaalati tun falaa een eenyurra laala
• Natti hin jabaatin gaa yaa jaalallee ollaa
Sii urjii anaa ji'aa, silaa waliin tollaa
• Obsi mee itti dhiisii
Guyyaa fidaa bar isii si
• Onnee too madooytuu naaf hin sossobamtuu
Gooytaa kee yaadadhu hireen katabamtuu
• Rabbi moo namumaa kan seera jallisee
Haati teenya takkaa maaltu addaan nu baase
• Roobe moo Ganna waluu odeeyfannaa
Osoo wal barannee waluu jabeeyfanna
• Si jaalle jaalala deeymaa
Jaalalti tee deeyma deeymaa
Deeyma dawaa koommee arma
• Siin barbaada hogguu gad hin teenye takkaa
Ballama naaf qabi eessattiin si argaa?
• Sirbaa sirbaa armaan loohii
Sirbii sirbii koo gama kiyya
Loohee sirbee, sirbee loohee
An gama kee fiiguu kiyya
• Takkaa na hin yaadannee hamma jiruu tee tii
Yaa boontuu naa nahii ani hiriyaa kee ti
• Wajji nyaannee dhuuynee hamtuu walii hin feenu
If keessa deebi'ii mee itti laali beenuu
• Wal arku waa hin oolluu haaya nagayattii
Hoggaa addaan yaanu lubbuun na rakkattii
• Yaada keetiin shororkaawee
Hangam takkaan daadarkaawee
• Yaa garaa jaalalaa si nayaadachiisa
Hirriiba dhiisii eessaa hiin gacciisa
• Yaa hiree hiriyaa joollumma-rraa eegalii
Waan wajji dabarsine yaadadhuu gargalii
• Yaa ibsiituu akka aduu
An si malee hin taraadu
Sihi taniin barbaadu
• Yaa ifaa uumamaa akka aduu iftaa
Yaanni kiyya sumaa yaada kee naaf himtaa?
• Yaa ji’a kurna shaneessaa
Yaa hangudaaya badheeysaa
Bareenni kee fuula keessaa
Gammachuu eessaan si geeysa
• Yaa moosinaa yaa moosinaa
Nuti akkaan si feenaa
• Zannuubee Zannuubee Zabbuubaa
Bishaan dhandhama kee aylii na fayyisaa
Si malee eenyumaa qalbii na wayyeessaa
Walleeleen walaloo armaa olii tiin wallifaman, sammuu dubraa fii dardara Oromoo keessatti sab-boonummaa cimaa uuman. Walleelee alagaa bowwaasuurraa ittisuun jaalala walii horsiisan. San bira kutee, qabsoo bilisummaa tiif akka if qaadhiman kakaasuu irratti qooda guddaa gumaachan.
Obbo Abuubakar, seenaa haala hawaasa Oromoo keessa turee fii jijjiirama arkamu mara walaloon yaro yaroon galmeeysaa ture. Haala hawaasa Oromoo keessatti bara 1962 dura ture walaloo,Yaa ilmaan Afran Qalloo maalif tatteeysanii
Dardara alagaa of cinaa hin agartanii
Afaan isaanii tiin kunoo wal faarsanii.
Shamarran teenya tan karaa yaatulleen
Wanni wallisan bar tan jaraati walleen.
jattuun seenaaf galmeeyse.
Hawwisoo Afran Qalloo keessatti qoonni Abubakar walaloo barreessuu, qindeessuu fii beeysisuu qofa hin turre. Daawwii haala yaroo calaqqisaan barreessee, qindeeysee, namoota irraa qooda fudhatuus leenjisee, ifii fiis irraa hirmaachaa ture.
Dandeettiin biraa guddoon Abuubakar hawaasa keessatti dhageeytii fii jaalala ittiin hore seekkoo fii haasawa koflaa ti. Yaroo beeysisaaf dooyaa irratti ol bahu, sheekkoo fii haasawa koflaa gaggabaaboo aadaa fii jireenya ummata Oromoo hangaasan, kanneen daawwattoota hofalchiisaa, gammachiisaa, barnoota kennaniin galma booharsaa ture. Akkaataan haala saniin sirna agarsiisaa ittiin gaggeassaa ture haalaan dinqifame. Jachoota gaggabaabaa daawwatootaan gammachiisaa ture keessaa tokko haala itti if beeysisu. Kuniis, "Caalaa Caammaa" tiin beekkama. Yaroo waltajjii-rratti ol bahu, “Caalaa Caammaa, mucaan cimaan odoo hin mucucaanne ceehee, cuncuna coree, miiccee, cunfee, micciiree, coqorsa caffee caamaa afu dhufee, isin cufaa cal je'aa caqasaa” jachuun waca galama keessaa arihee qalbii dawwattootaa gama isaa hawada. Akkuma if beeysise kanatti, wallisoota hunda haala isaanii tii fii walleelee isaanii waliin dhadheessee dhiheessa.
Oduun (sheekkoon) koflaa kanneen daawwattoota ittiin booharsaa ture keessaa takka, tan "Haala Qilleensaa" ti. Isiiniis, “Qilleensi boruu, Mi'eesso-rraa karaa Ciroo, Ciro-rraa gara Baddeessaa, Baddeessaan gama Hirnaa, san booda karaa Dirree Dhawaa sossooha. Kasha booda, qilleensi bubbee kaasuun waan akka walaandoo fakkaataa dabree dabree buusa. Gama Asrii duumeeysi hin-jiru, haa tahu ammoo galaanni dhufuu hin oolu. Gara galgalaa adda namoota gari-garii-rratti dafkaa tu arkamuuf taa'a. Kan mirqaanaa tahullee hin beekkamu. Oowwi guyyaa, kan irraa olii koka koollaa tokko nama obaasa. Kan irraa gadii, buna Baddeessaa siinii takka nama fesisa. Waarii booda yo haalli qilleensaa isinitti jiijiirame ana Dooktara keeysan Sagal Seeqaan marihadhaa. Tajaajilli koo tiis bilaashi.”
Haalli akkanaa kan biraa oduu Hara Xinniqqee ti. Isiiniis, “Obbo Xoroon, itti aanaan ministeera Xaasoo, xiixaan xiqqaan, obboleessi mister Firnxiixaa, kan uffanni qumxaa, faxarri qiixxaa, subaaxni baasxaa, wakkiilli oduu haxarfattuu hara Xinniqqee akka as xuruurfate-tti, dubbii xaxaa - xiixuu teenyaaf wiwixxifatee, haxarfatee, kophee-lee isaa babaxxee saniin, baxxaq baxxaq jechaa xarrifachaa osoo deemuu, mixaaxis maxaxaa xaan tokko xam godhee fixee, xiqqo dhaabbannaan garaan isaa akka nama xallaan xif tahetti xiillawuu, oduun Hara Xinniqqee tan qilleensa-rraan game keenya xiixxe ibsitee jirti,” tan jattu.
Abuubakar walaloolee koflaa tiis hedduu barreesse. Tan sagalee isaa tiin waraabamtee facaate keessaa takka tan "Yaa Mucayyoo Mana Keessa Jattu Law Law" tan jattu. Isiiniis;
Yaa mucayyoo mana keessa jattu law-law
Dilaaniin dhaaphee fooddaan siin ja'u haw-haw
Akka kiyyaan kanuma mana keeysan keessa ja'u calaw
Fitti na khaasee gara mana keessanii halaw
Hulaan cufaa taanaan godhe gaa qaw-qaw
Namich hamaan mooraa keessan keessa naannaw
Hattuu na seehee fiiginsa gara kiyya haw-haw
Qaallichi diinaa ellaan xiqqashollee namaaf hin naw
Dhufeetuma gurra keessa kabalaan na godhe zaw-zaw
Qaanqeen nadura facaatee natti dukkanaaw
Bitaa mirga gatantaree ani lafa dhaw
Funyaaniin lafa diree akka bashoo je'ee maaw-maaw
Waa xiqqo booda achumaan kutee an gaggaba kalaw
Hoggaa tana namichi kaniin waa tahe seehu
Dheefa dhukkee kaasee na biraa ceehu
Ceehinsa isaa agarraan mucayyoon manaa gadi bahu
Dhuftee miila isii tiin na gara-gaggalchinaan ani garaachaan bala'u
Ani yo kiyyaa na beeytellee waa hin seehu
Fuula keessa na laaluuf gadi goollawu
Na agarraan gurra lameen qabattee iyyeensa itti qabu
Iyyeensa dhageeynaan warri hundinuu manaa gadi orihu
Narratti wal gayanii na gubbaa gogoohu
Anaa kabala sanirraa hoomachi afaaniin bahu
Hoggaa arkan bishaan baaldii 15 natti toohu
Mucayyoon dhuftee na ol qabnaan ani wayyaawu
Suuta bayfadhee mumunyuuqachaa sosossoohu
Tana agarraan nu lameen walitti dhiisanii warri nu biraa yaa'u
Isiiniis harka isii lallaafaa saniin biyyee fii horofa narraa haxaawu
Harka isii tiin na tuqannaan ani daranuu bayfadhee wayyaawu
Maal taate gaa jattee jalqabde naan haasawu
Aniis niin himeef waan namudate hundaawu
Jachi isii deeymarra natti mi'aawu
Hoggaa tana ani gammachuun machaawu
Miidhaga isii tiin dhamaayyawee bareedasirraa fajaajawu
Aniis niin himeef waan namudate hundaawuu
Yaa tan jaalalti isii onnee toorraa jatte dhaw dhaw
Tan dharraa isiirraa ayliin too taate shaw shaw
Sani naaf beekuu dhabde gaa ati yow yow
Yo naaf beekuu dhabde ammoo, kaniin dhagaan guntuta kee sidhaw
Namichi hamaan fedhu naaf sii addaan dhoowwu
Eenyuma inni san ilmi haadha rawu
Inni silaa fedhu akkaan si dhabee hoongawu
Ani kabalamullee akkuma niyyaa tiyyaatti milkaawu
Jaalaluma teetii akkana namudee mee atuu daawwuu
Dhiisi gaa nurraa atiis yaa addee too sinsinnaawuu
Yaa tan onnee tiyya keessa facaatee akka meeshaatti gootu qalalaw
Buchuma jaalalaa natti as kenni, haa godhu galalaw
Garaan kiyyaas jaalalaan haa xiillawu
Qaamni kiyyaas gammachuun haa riiqawu
Irbuun siif seena akkaan sirraa garangalle hamma rifeensi koo arraawu
Yoon sigane kaballi namticha mooraa keessanii san gurra keessa na haa akaawu.
Walaloon Dooktor Gaarrinfataa hindhumtu haasawu
Ammaantana asumatti isinirraa haa ciqqaawu.
Abuubakar yaroo haala kanaa fii kan kana fakkaatan jechootaan miidhagsee ibsu, Oromoota yaroo sanii kanneen afaan isaanii tiin adda fagaataniif raajii ture. Dandeeytii isaa dinqifachuun, "Jinnii tu afaan isa barsiise" ja’anii warri haasawan heddu turan.
Abubakar nama gaafa afaan Oromoo, “afaan Qottuu” ti ja’amaa ture san, afaan kuni miidhagaa fii sooreessa taachaa karaa hedduun agarsiise. Abubakar guddina afaan Oromoo tiif wanni laate lakkaawamee hin dhumu. Walaaloo, sheekkoo fii haasawa koflaa bira dabree, asoosama gaggabaaboo, barnoota adda addaa laatan, kanneen haala jireenya hawaasa Oromoo calaqisanii fii dagaagina afaan Oromoo beeysisan hedduu barreeyse. Akkaataan Abuubakar asoosamoota isaa keessatti haalaa fii yaada itti ibsu kan dhaggeeyfatu qaamaa fii qalbii fuudhu.
Barreeffama “Lubbuu Abbaa Dhabde” ja’amu kan odoo hiree maxxansuu hin arkatin biraa deeme-rraa, kutaa lamadaa keessaa: - “Jiini Hagayyaa dabree ganni seene. Barri dullachi hafuura isaa kan dhumaa duumeeysa daalacha keessatti baafachaa halkan bara haarayaa argamsiisuuf dhufe. Dukkanti raaree fii laggeen walgeeyse. Karfaffuun heddominaan harca'uu jalqabde. Hangaasuun waluma-faana gaarran gubbaarraa gara raaree walaqqisaa, jiirkaa lafatti awwaalaa, goohaa galaanaa kan waahalleen deemu fidde. Gaarranii fii layni dukkana keessa xalayaa gurraattii duuti irratti katabamte fakkaatan. Ganda ededa qonyee legarra faca'e san hurreen adda babaafte. Ifaa lambaa xiqqashaa goojjoolee jajalloo keessaa billiq billiq ja'u melee, lubbuun namayyuu qeensa jalatti galte.
Beeyladaan okoya gole isaanii bira jirutti dhihaatan. Saroonni goda isaanii lixanii dhokotan. Qilleensa karfaffuu kan gaarranii fii laggeen iyyisiieee sagale nama baaraysitu fidu melee, waatakkalleen alatti hin-hafne. Akka waan uumaan haala bara dabreef jacha isaanirraa dallantee, qabbanti hamtuunii fii karfaffuun jabduun qottootarraa haluu bahutti jirti.
Halkan dukkana qilleensa hamaa kana keessa, gurbaan daddaan isaa bara diiydamii lama keessa jiru tokko, galaanaa fii horofa kana keessa, kan qabbanti qadaddaa qaama isaa qaata goggoysite, kan beelaa fii sodaan humnasaa fudhatan, kan timni galaanaa huccuu isaa gurraattii dhoose odoo hin ajjeesin kafana godhuuf kajeele, ganda Xirroo irraa gara ganda Damiin Muummee tattaafate.
Gurbaan kun, kan hogguu if dura deemuuf miila laatu, akka waan namoota lubbuu qaban keessaa isa arkuu jibbetti, qilleensi karfaffuu wajjiin lafaan dhawu, kan abdiin laaftuun, hoongawni hamaanii fii araraafamni jabaan isa keessatti wal lolaa jiran, akka allaattii goblaan isii caphee laga keessa buutee galaanni isii fuudhee hallayyatti darbeetti hollachaa, akka waan duuti isa reebaa jirtutti tirachaa, deema. Hoggaa humniti isaa dhumte, tattaafachuu dadhabee, dhiiyni isa keessatti ititee tima horofa keessatti if darbee jireenya isaarraa waan qaama isaa keesaatti hafeen, iyyeense guddaa sagalee sodaa tan akka nama hobonboleettiin hallayyaa biliileetti darbuuf fudhattee fuula du'aa agarsiiftetti, sagalee jireenya namummaa isaa, tan qilleensi waa dhabaa keessa jirtu iyye...”
Barreeffama “Gammachuu Didaa” kutaa jalqabaa keessaa - “Aruustichi jaarsi, kan daaddaa abbaa aruustittii, intala imimmaan haqattu, tan akka nama ajjeesuuf deemaniinii qaamni hadoodee irratti du'e fudhatee bahe. Dubraafii dardarri helleefii dhiichisaan dabaalaa mana aruustichaa gayanii gooftaafii giiftii siree dheertuu agoobaraarra baasan. Namoonni afeeramaniis waamicha kabajanii dhufanii kursiilee qophooyteef irra tattaa'an. Dalayduun burcuqqoo waliindhawaa gammachuun ormarra deemaa dhugaatii qicuu jalqaban. Wallisoonni yaamaman muuziqaa qoqooyxuu fii sirba isaanii babbareedaan daranuu lubbuu namaa macheeysanii waan qoma keessa qaban dhoosutti seenan.
Achi qarqara, intala bareedduu takkaa taa'a. Isii cinaa gurbaa isiin dubbachuuf jacha babbareedaa if keessa barbaaduu tu argama. Gurbaa kana maddii, jaarsa dhugaatii wal faana dhudhu'ee akka dabalaniif burcuqqoo waliin dhawuutu jira. Gara mirgaa tiin jaartii nyaara isiitiin jaarsa isiitiin loltuu tu argama. Isii tanaa achiis, dullattii ilma isii tokkichaaf tan taatu dubra achi jiran keessa barbaadduu tu taa'a. Cufti isaanii garba dhugatii fii taphaa keessa limanii wahalle irraanfatan.
Lakkuma halkan walkkaawuun, gammachuun ormaa goohatti jijjiramte. Surriin isaanii machooytee arrabni isaanii dubbachuullee dadhabe. Aruustichi, jaarsi, kan machaawe kuni, bakka isaa tii ka'ee orma keessa jijjigaa akka nyaatanii dhuganiif nama kadhachutti seene. Kun hundi hogguu tahu, aruustittiin bareedduun ijji isii lameen nama rifachiiftuun odoo olii gad mimil'attuu, gooha dila kanaa keessaa, gurbaa dardaraa, kan akka waan lubbuun isaa qaaman adda baateetti kophaa isaa cinqamaa taa'u agarti. ...”
Haala armaa olitti ibsameen, bara diinni afaan Oromoo tiin dubbachuu salphina namatti fakkeeysaa ture san keessatti, Abubaker, afaan kanaan dubbachuun, wallisuun, booharsuu fii asoosamuun akka dandayamu hujiin agarsiise. Hujiin isaa, kaa’imman Oromoo afaan isaanii tiin akka boonan godhe. Akki san qoma kaa’immanii keessatti sab-boonummaa habaqaaluun, fedhii diinaa tan Oromummaa dhabamsiisuu naaffise.
Walumaagalatti, hamma hawwisoon Afran Qalloo hacuuccaa diinaa tiin adda hin faca'intti, Abubaker walaloo, sheekkoo koflaa, daawwii fii wkf baayyee barreessee hujiirra oolche. Gochaa seena qabeessa kanaan, akkuma Hawwisoon Urjii Bakkalchaa walleelee Oromoo tan ammayyaa tiif haadhoo taatetti, Abuubakariis, og-barruu afaan Oromoo tan ammayyaa tiif abbaa dha.
Adooleessa 23, bara 1973, gaafa Hayle Sillaaseen, olola Maqdishoo keessaa itti ol xiixxu-rraa gurra hawaasaa maysuuf, Magaalaa Adaree keessatti, raadiyoona-rraa qophii afaan Oromoo jalqabsiisee, Abuubakar hojjattoota keessaa tokko tahun mindaawe. Carraa argate tanatti dhimma bahuu niis fedhii isaa tan afaanii fii aadaa Oromoo guddisuu if-qusannaa malee itti fufe. Sagantaa-leen isaa kanneen kofla keessaan barnoota laatan yaroo gabaabduu keessatti beekkaman. Keeesattuu qophii torbaanii, tan “Takka Wajjiin Kofalluu?” jattuun sheekkoo, hibboo, mammaksaa fii waan gara-garaa miidhagsee dhiheessuun, onnee dhageeyfattootaa fudhate.
Abuubaker Muussaa Wadaay, galgala Adooleessa 12, bara 1977, qophii isaa tan raadiyoo irratti
"Tan kutte gundoo
Tan haftee guddoo
Himanii hin-fixanii
Birumaa lixanii"
jechuun yaroo sagantaa isaa xumuru waan isa mudachuuf taa’u kan raage fakkaata. Galgaluma san isaa gala tiratu, nannawuma waajjira raadiyoonaatti, rasaasa diinaa tiin rukutamee wareegame.
Hayyichi afaanii fii aadaa Oromoo, Abuubakar Muussaa, odoo dandeeytii dila qabuun hojjatee hin quufin, umrii soddomii shanitti qaxara caphee, hawwii fii abdii isaa tiin adda bahe. Duuti isaa ummata Oromiyaa irraa hiis hayyuu beekkomsa afaanii fii aadaan tiin hiriyaa hin-qabne galaafatte.
Abuubakar afaanii fii aadaa Oromoo guddisuuf tattaafanni godhee fii qoonni gumaache, seenaa qabsoo guddina aadaa fii afaan Oromoo keessatti gulantaa ol-aanaa qaba. Inni biraa wareegamullee hujiin isaa hin duutu. Walleelee walaloota isaa tiin wallifaman keessaan abad jiraatti.
********
HUB: Seenaan tuni, jalqaba, qophii yaadannoo Abuubakar Muussaa tiif Ebla 31, bara 1997 biyya Kanadaa magaalaa Torontootti qophooyterratti, lamada, Ayyaana Yaadannoo Sossooha Afran Qalloo Kan Bara Shantamaa tiif Waxabajjii 30, bara 2012 magaaluma Torontootti godhamerratti dhihaatte.
Wednesday, May 15, 2019
ABO: ''Boordii filannootti galmaa'uufi filannoo waggaa dhufuuf qophaa'aa jirra''
Bakkeewwan hedduuttis waajjiraaleen yeroo biyyaa bahe cufamanii turan banamaniiru.
Haala filannoo dhufuuf qophaa'aa jiran irratti Hayyu Duree Itti - Aanaa dhaabichaa Obbo Araarsoo Biqilaa waliin turtii taasisneerra.
Mootummaafi ABO'n araara buusuuf waliigalan
'Biyya galuun ABO nageenya biyyattiif abdii guddaa ta'ullee itti fufuu hin dandeenye'
Haalli miseensonni waraanaa Xollaay itti jiran 'gaariidha'
Hoggantoonni dhaabichaa turtii waggaa dheeraa booda biyyatti erga deebi'anii as bakkaa bakkatti sosso'uun ummata dubbisuun alatti ''dabballoota leenjisuun bakka bakkatti ramadaniiru.''
''Gara filmaataa akkamitti deemna kan jedhu irratti hojjechaa jirra,'' kan jedhan Obbo Araarsoon waan qabatamaan dhaabi isaanii hojjetaa jiru dubbatu.
''Waajjirri banamaati jira, miseensota ijaaruufi qindeessuu, kaan waan boordii filmaataatiin waan guutamu qabu kan isaan ulaagaatti eegan guuttachuu irratti hojjechaati jirra.''
ABO'n boordii filannootti 'hin galmoofne'
''Filannoo waggaa dhufuuf qophaa'aa jirra,'' kan jedhan Obbo Araarsoon boordiin filannoo ''waan jaarmanni siyaasaa guutuu qabu jedhanitu jira isa guutuuf hojjetaa jirra,'' jedhan.
Wanti gaafatame baay'eedha kan jedhan hayyu - duree itti - aanaan dhaabichaa Obbo Araarsoon gaafa kuni xumuramu akka filannoo irratti hirmaatan dubbataniiru.
Waan guutamu qabu waan jirufis hanga yoonaa galmeen dhaabichaa hin xumuramne. ''Waan guttachuu qabnu irra caalaatti goonee jirra, waan hafes immoo itti deemaa jirra.''
Haa ta'u malee, osoo hin galmaa'in bakkeewwan hedduutti waajjiraalee banuun akkamin danda'ame kan jenneen Obbo Araarsoon waligaltee Asmaraatti mootummaa waliin qabaniin akka raawwate himaniiru.
Daawwannaa Dr Abiyii fi Lammaarratti ummanni Beegii maal jedha?
Waajjiraaleen banaman rakkoo waligaltee dhimmi waraanaan kan cufaman kan jiran yoo ta'u akka banaman mootummaa naannoo Oromiyaa bulchu waliin mari'ataa jiraachuullee ibsaniiru.
Dhaaba waggaa dheeraaf qabsoo hidhannoo gaggeessaa turef yeroo gabaabaatti qabsoo karaa nagaa gaggeessuun ni cima ta'a. Salphaa's ta'u dhiisuu danda'a.
Gufuuwwanis akka jiran qondaalli ABO kuni ni himu. ''Waldanquufi miila waljalaa fuudhuun bakkaa bakkatti ni jijjira. Kun gufuulee xixiqqoo ammatti jiraniifi duraanis tutturan inuma jiran.''
Yeroo ammaa karaa nagaan qabsaa'uuf haalli mijataa jira kan jedhan Obbo Araarsoon, ta'us ''karaa nagaa yeroo jennu garuu gufuun wayiitu hin jiru jechuus hin dandeenyu,'' jedhaniiru.
''Wanneen tokko tokko ademsuma qabsooti. Amni qabsoo karaa nagayaatis waan hedduu qabdi. Bu'aa bayii hedduus qabdi. Hawaasallee, biyyallee barsiisaa deemuu barbaachisa.''
Himannaa ABO tibbanaa
Dhaabichi ibsa kaleessa baaseen qondaaltonni ODP miseensota isaaniif leenjii wayita kennan "ABO'n diina tarsiimoo kiyyaa ti," jechaa jiru jechun gadduu isaa ibseera.
''Gochi amma mootummaan itti jiru hojii ABO dadhabsiisuuti''
ABO: ''Waraana dhaabne malee hin hiikkachiisne''
Kana gochuunis dhaabi naannoo Oromiyaa bulchu, ODP'n, akka waadaa paartileen siyaasaa filannoo dura mallatteessan diigetti akka hubatamu qabu akeeka. Gama ganaan ODP irraa wanti dhagahame hin jiru.
''Nuti madda rakkoo ta'udhaaf hin dhufne, rakkina biyyaa furudhaafi. Nuti ilmaan biyyaati, kan qabsaa'aa turres biyyaafi '' jechuun Obbo Araarsoon dubbatu.
ABO fi WBO
Dhimmi waraanaa rakkoo ijoo mootummaa waliin isaan buuse turus boodarra Hayyu - dureen dhaabichaafi ajajaan waligalaa WBO Obbo Daawud Ibsaa Abbootii Gadaatti dabarsani kennu himaniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo simatamuu 'eegale'
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) qaama waraanaa Adda Bilisummaa Oromooti. Erga Ebla 01, 2019 as garuu ibsa miidiyaalee hawaasummaa irratti gadhiiseen waraanni dhaaba jalatti akka hin bulle ibseera.
Haa ta'u malee, dhimma kana irratti dhaabichi ibsa baase hin qabu.
Maalif kuni tahe kan jenneen Obbo Araarsoon dhimma waraanaa Koree Teknikaaf erga kennani as waayee waraanaa dubbachuu akka hin dandeenye ibsu.
''Boqonnaa waraanaa sanaan keessaa baane. Humnimmoo alatti hafe waan barbaade gochuun kan isaati jechuudha,'' jedhaniiru.
Lixa Oromiyaatti saamicha kan gaggeesse eenyu?
"Hiidhannoo hiikkachuun dhimma mariif dhiyaatu miti"
Waraanni yeroo kana godhu nu waliin hin mari'anne kan jedhan Obbo Araarsoon, erga murteen waraanaa barame asis tarkaanfii dhaabichi fudhate akka hin jirre BBC'tti himaniiru.
''Ammattii waraana wajjiin qunnamtiin qabnu hin jiru,'' kan jedhan qondaalli kuni ammaan achi dhimma waraanaa dubbachuun akka itti ulfaatu dubbataniiru.
Mata dureewwan walitti dhiyaatan
Uummata Oromoo DHDUO (Dhaabbata Dimookraatawaa Uummata Oromoo)
Wednesday, January 9, 2019
Sunday, December 30, 2018
Wednesday, December 26, 2018
Sunday, December 9, 2018
Ummanni Oromoo #Walloo Aanaa Baatee bifa kanan hidhattooni naannoo Affaar Ganda isaani irraa buqisani
Addisu Arega Kitessa Jawar Mohammed Abdurahman Abdella, Tarekegn Bululta Godana Ezekiel Gebissa Girma Gutema Hamza Borana isin cinaan warri bulchinsa keeyissa jiru kan dhiimmi kun kallattin laallatu Hayyootaa fi Rogeeyyin Oromoos kan Waa’ee Ummata Keenyaaf biyya Itiyophiyaa keeyissa jirttaniis rakkiina Ummata kanaa laalaati furmaata Waliin itti haa barbaannuf. Isinis calliftani hin laalina.
WRITER Yaya Bashir
Tuesday, November 13, 2018
#Injifannoo Mejer Jeneraal Kinfee Daanyew Itti Gaafatammaan METEK Duraani Finfinee dhaqabaniiru .
#Injifannoo
Mejer Jeneraal Kinfee Daanyew Itti Gaafatammaan METEK Duraani Finfinee dhaqabaniiru .
Geetachewu Asseffanis Suudanit akka tohannoo jala olfame gabaafamaara .
Tigraay maal jedhaa jirti laata?
Tigraay maal jedhaa jirti laata?
Hafuurri Tigraay keessaa hafuursu har'a daranuu hammaateera. Dammaqoo sabichaa kan jedhaman wanti barreessaa jiran irra caalaan miira abdi kutannaa, dhaadannoo, wal qeequu fi wal tasgabbeessuuf carraaquutiin kan guutame. Kanuma waliin waamichi lolaa har'as itti fufee deemaa jira. Dargaggoon Tigraay gurmaawee akka lolatu kakaasaa jiru. Har'a ammoo wanni haaraan dabalame Dr. Dabra Tsiyoonitti quba qabuu dha. "Qaroo fi gaachana keenya kan tahan qabsaayota keenya dabarsitee kannita taanaan galmee gantoota Tigraay warra bara Minilik durii keessatti maqaa kee barreessina" jechaanii jiru. Yoo jagnummaadhaan ''duula Tigraay irratti baname'' kana irraa qolachuu hin dandeenye dafee akka aangoo gadhiisu waamicha daddabarsaafii jiru.
Waan itti fufee deemaa jiru hordofnee walii qoodna.
Sunday, November 11, 2018
(Jaarraa Abbaa Gadaa) hoggaas dhalata. Ilmi Haaji Ibraahim Haamid
Walakkaa bara 1876a, gaafa Ibroo Shaxaa lola
Cirrachaatti waraana Misraa kan Ra’uuf
Baashaa tiin hoogganamuun odoo loluu
wareegame, ilmi isaa Haamid Ibroo dardara ture.
Lola Calanqoo booda, baruma 1887 keessa,
gaafa Minilik summii buna keessatti naqeen Haamid Ibroo galaafatu, ilmi isaa Ibraahim
Haamid joolle. Bara 1936, gaafa Ibraahim
Haamid, nafxanyoota hawaasa Oromiyaa Bahaa
sirna gabrummaa hoonga hin-qabneen
araraasaa bahan adamuun hijaa bahaa ture,
Abdukariim Ibraahim (Jaarraa Abbaa Gadaa) hoggaas dhalata. Ilmi Haaji Ibraahim Haamid
Ibroo Shaxaa fii Aadde Moominaa Eeboo,
Jaarraa Abbaa Gadaa, akka Xaaliyaan biyya
teenya seeneen, bara 1936 keessa-tti, Baha
Oromiyaa, Konyaa Gaara Mul’ataa, Baadaa
Kurfaa Callee, Araddaa Waldaya Raammis, Ganda Mudiir Gorrootti, nama dhalate. Jaarraa Abbaa Gadaa, daa’imummaa-rraa
kaasee, mana barnootaa tii fii saniin alattiis,
nama naamusa cimaa qabaachuun beekkame.
Haalaa fii amala badoo kaa’imman harkisan
irraa walaba tahuu malees, jiruu sadoo tan
keessatti dhalate hordofuu caalaa, rakkataa fii dadhabaaf annaannachuu fii gargaaruun, nama
joollummaan qoma fudhatte. Lakkuma umriin ol
siyxuun ummata naannoo isaa jiran keessaa,
qabaataa fii dhabaan, jabaa fii dadhabaan,
rakkisaa fii rakkataan, eenyu fii eenyu akka
tahan adda bare. Ummata ganamaa fii galgala garaan isaa mararfatuuf, kan jallina hiree mude,
talisummaa fii khash-labbummaa odoo hin-
taane, sirna gabrummaa taachaa fii inni
jireenyaan haala wayyaa keessa jiruus
isaanirraa tokko tahuu hubate. Lammiin inni irraa tokkoo kuni, araraafama
malees, qe’uma isaanii keessatti, mirga abbaa
biyyuummaa dhabanii, warra naannawa san jiran
hundaan, namaa gaditti laalamuu arkaa fii
dhageeytii jibbe. Haala kana dura dhaabbachuu
dhiisanii, warra hawaasa biraa keessatti baquun jalaa miliquuf tattaafatan balaaleeffate. Gama
isaa tiin, bakka deemu hundatti maalummaa
isaa haalota adda addaa-tiin, mul’isuu jalqabe.
Mana barnootaa keessatti afaan isaa
dubbachuun, aadaa isaa agarsiisuun eenyu
akka tahe ifa if baase. Guyyaa barnoota hin- qabne otobuusaan olii gad daddeemuun, warra yaroo makiinaa keessa seenan ummanni balfee
biraa fagaatu-tti maxxanuun, kursii irraa ka’ee-fii
teeysisuun, ba’aa gargaaruun, mataa ol
qabatanii akka deeman onnachiisuu hujii
godhate. Biyyoo Adareetti, barnoota sadarkaa kutaa
lamadaa lakkuma ol qaqqabachaa deemuun,
anaannaanni saba isaatiif qabu caalaa sammuu
fudhachaa deeme. Jaarraa Abbaa Gadaa,
barnoota yaroo sanitti biyya keessa-tti kennamu
rakkoo takka malee xumuree, yo itti fufuullee fedhe, biyya alaa deemee barachuuf hiree gaarii
nama qabu. Gama biraa tiin, ammaas, barnoota
yaroo dheeraa tiin odoo if hin rakkine, kanuma
biyya keessaa tiinuu, caasaa warraa keessaan,
hujii mootummaa bareedduu argachuun isaaf
salphaa ture. Garuu, yaaddoon dhibdee ummataa, hegeree isaa caalaa, sammuu
fudhattee barnoota waakkattee, lafa warri isaanii
Asaboot keessaa qaban irra qubachiifte. Iddoo haaraya qubatettiis, Jaarraa Abbaa Gadaa
hawaasa keessa qubate waliin wal fudhachuuf
yaroo dheertuu irraa hin fuune. Akkuma
naannoo Gooroo Gadiitti, olittiis, lammii isaatiif
hadooduunn guyyuma guyyaan sammuu
dhunfachutti seente. Haala Nafxanyootaa fii Mootummaan Habashaa lammii isaa itti laalan
onneen fudhachuu didaa dhufte. Sammuun isaa
halkanii fii guyyaa jiruu mataa isaa tiif yaaduu
caalaa, warra akka Haamidoo fii Habiib,
kanneen jiruu nagayaa jibbanii mootummaa
Habashaa tiin loluuf daggala Carcar mana godhatan, tan xiinxaltu taate. Lakkuma seenaa
finciltoota qoratuun, “yo namni murate tokko
habashoota dilana shororkeesse, laata kan
jaarame hoo akkami?” gaaffii ja’ttu if gaafachutti
seene. Maqaa fii durooma warraa gubbaan
naamusaa fii soora qabeenya isaa-tirraa, shamarran shashaqachaa bakkayutti jala
sissiqan keessaa takka fuudhee, jiruu sadoo
jiraachuu yaaduun surrii keessa sokke. Diinni
saba isaa qawween if jalatti oggolchee, lubbuu
fii qabeenya isaanii irratti abboomaa odoo jiruu,
hamashaa dubartii bareedduu boraafatee, sirnaaf ilmaan horuu maganfate. Waan
dandayuun ummata isaa gargaaruun fakkeenya
sab-boonaa tahuu-rra, akka Umar Muktaar kan
biyya Liibiyaa faatti, loltuu bilisummaa tahee
lammii isaa gabrummaa jalaa baasuu filate.
Fedhii isaa kana hujiirra oolchuuf, jiruu sadoo tiin “imaanata” je’ee, dardarummaan qabsoo
hidhannoo tiif if qaadhimee, “Boruuyyee boruuyyee Boruu abbaa bariisooyyee Galgala abbaa galgalooyyee Galgalli naan dubbatee Boruun naan marihatee Roorroo hamtuu agarraan Kan Oromoo saba kootii Kiyya garaan hammatee Hadhaa du’aa filate” jechaa geeraraa, namoota yaada akka isaa
qaban waliin daggala seenuuf, jalqaba bara
1966a, manaa bahe. Barbaanni jaalaa, Jaarraa Abbaa Gadaa, qe’ee-
rraa fageeysee Gaaleeytii geeyse. Gaaleeytii-tti
Sheekha yaada akka isaa qabuun wal-arkatan.
Sheekhni, inumaa, dhibdee ummata isaanii tiif
furmaata waaraa barbaaduu dhabuun, Rabbi
birattillee dirqama irraa gaafatamuuf jiraatan taachaa, Jaarraa Abbaa Gadaaa tiif
mirkaneesse. Akkasiin, Jaarraa Abbaa Gadaa
Sheekhtichaa fii darasoota isaa waliin, qawwee
hamma arkataniin qabsoo hidhannoo
bilisummaa jalqabuuf, gandaa sossoohan.
Isaanii haalaa fii lafa tarsimoo tottolfachaa jiru, akkuma naannoo Miicataa dhaqaniin, daldaloota
Roobee fii Miicata jidduu daddeebi’an irraa,
Fincila Oromoota Baalee dhagayan. Oduun
gurra seente daranuu mirqaansitee, warra duruu
diinarratti lola jalqaban waliin qabsoo itti fufuuf,
karaa Baalee qaceelan. Garuu, akka lafa hamma tokko deemaniin, daadarkaan amnaa,
Sheekha keessaa hamilee if dura deemuu
xuuxxee, darasoota isaa waliin if-duuba deebi’uu
murteeffachiifte. Jaarraa Abbaa Gadaa garuu,
wadala miyaa fii galaa irratti fe’atu qofa akka
dhiisaniif kadhatee, yaada manaa baheef hujiirra oolchuuf, amna isaa kophaa itti fufe. Lafaa fii hawaasa hin beeyne keessa, harree
fe’atanii bilisummaa barbaada deemuuf, gaafasii
mitii arrallee, murannoo fii gootummaa ajaa’ibaa
qabaachu nama barbaachisa. Jaarraa Abbaa
Gadaa karaa takkaa irra deemee hin beeyne,
hawaasa nama eenyummaa hin beeynee hanqatee, kan beekanittuu waan inni
iyyaafachaa deemu in himne keessa
qaxxaamuree, bakka garaa gaye. Kana booda, seenaan imaltuu tan Jaarraa
Abbaa Gadaa qabsoo bilisummaa tiif godhe,
bahara daakanii keessaa bahuu hin dandeenye
keessa nama cuupha. Loltoota barbaadee itti
dhaqe waliin lola adda addaa keessa naqee,
Laga Dhaaree-tti gootummaa qixa hin-qabne daawwachiisee, karaa Gindhiiriin Soomaalee
nama geessa. Achirraa ammaas, miyaa fii
kaameeraa baadhachiisee Fincila Baaletti ol
nama deebisa. San booda, lola Gola Eela Roojii,
kan diinni qabsaawotatti samii gubbaa boombii
itti roobse faa irraa qooda nama fudhachiisa. Walii galatti, Baaletti, hamma Fincilli Oromootaa
humnaa fii tooftaa diinaa tiin akkaa-gara hin
dhabini-tti, lola godhaman hunda keessa nama
naqee, dhuma bara 1968, Soomaaletti nama
deebisa. Soomaalee keessatti, qabsoo ummanni keenya
eenyummaa isaanii beeysisuuf godhan, dhibdee
mudatan, injifannoo helanii fii seenaa Jaarraa
Abbaa Gadaa adda baasuun hin dandayamu.
Jaarraa Abbaa Gadaa, Soomaaletti akka
deebi’een, ilmaan lammii kanneen karaa adda addaa tiin seenanii Soomaaliyaa keessa jiran
babarbaadee walitti fide. Isaan keessaa, warra
qabsooo hidhannootiif fedhii qaban waliin,
Arfaasa 12, bara 1969, bu’ura Adda Bilisummaa
Oromoo lafa kaayan. Alaabaa, Faaruu Alaabaa
tii fii Faaruu Biyyaa baafatanii, leenjisa isaan barbaachisu fudhachuuf, ji’a jalqabaa tan bara
1970 Mootummaa Soomaalee jalaa mimmiliqaa,
tokkoo-lamaan Magalaa Adan seenan.
Mootummaan Soomaalee fedhii isaanii, tan
leenjii tooftaa lolaa tii fii hidhannoo, akka
bakkaan hin geenyeef yaroo hubate, kan mala armaa olii irratti hojjatee, imaltuu Adan
aanjeesse, Jaarraa Abbaa Gadaa ti. Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaaa Amajjii 28,
bara 1970, Mogdishoo irraa baasee Adan nama
geeysa. San booda, Adan irraa fuudhee Iraaq,
Iraaq irraa gama Suuriyaa namaan barara.
Suuriyatti jab’haa Falasxiin waliin wal nama
barsiisee, mooraa leenjii waraana isaanii ifii waliin nama naqa. Leenjii booda, Waxabajjii 3,
bara 1970, Dimish’qii fuudhee, Misra geessee,
Baghdaad-tti nama deebisa. Achirraa miya
waraanaa baadhachiisee Adanitti nama deebisa.
San booda, Onkololeessaa 17, bara 1970,
hoogganummaa Qeeyroo Ganamaa tiin, Adanirraa dooniin karaa biyyaatti namaan ka’a.
Galii kanaa fiis, Bahara Hindii-rra oofee, qarqara
lafa Soomaalee tan Bulloo-har ja’amtu nama
geeysa. Achirraan odoo hin feene fuudhee mana
hidhaa, Man’dheeraa-tti namaan deema. Iddooleen Jaarraa Abbaa Gadaa dhaqee fii
karaan irra deeme hundi seenaa dinqifamoo
keessatti hojjataman qabu. Seenaan mana
hidhaa, Man’dheeraa, qofti himamee hin dhumu.
Manni hidhaa Man’dheeraa, iddoo, Jaarraa
Abbaa Gadaa, dhibdee mataa isaa irra aanee, jaallan qaamaa fii sammuun rakkatan
jajjabeessuun, hogganummaa isaa hujiin itti
mirkaneesse keessaa tokko. Kana malees,
Jaarraa Abbaa Gadaa itti gaafatamaa Qeeyroo
Ganamaa tahee, fuula Ziyaad Barree dura
dhaabbatee, seenaa Oromoo nama barsiise. Hidhamaa ykn boojihamaa tahanii, qaallicha urjii
ifiin caanceesse ija keessa daawwachaa,
“seenaan ati deemtuun tan kijibaa ti. If dhibda
malee ittiin hin milkooytu,” jachuuniif
gootummaa gootummaa olii qabaachu nama
barbaachisa. Jaarraa Abbaa Gadaa jeeyna onnee akkasitiin faayame. Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaaa, hidhaa bara
shanii fii guyyaa kudha-lamaa booda,
Man’dheeraa keessaa baasee, odoo bitaa fii
mirga namaan hin-daddabne, akeeka
ganamaatti nama deebisa. Hidhannoo
barbaacha baheef, kan bahara qaxxaamuree dafka lubbuu xuruurseef malee, harka qullaa
onnuma ganamaa saniin, mudawwar adii,
kalooytaa adii fii imaamata adii uwwisee, akka
warri karaatti arkan ja’aniinitti, nuur bi nuur fakkeessee, gammoojjii Soomaalee keessaan,
miilaan karaa biyyaa namaan qaceela. Moggaa
dachii-rraa Hargeessa fidee, acii Wacaale
keessa tirachiisee, Hadraa Sheekh Husseen tan
Tulluu Guuleedi-tti hara nama baafachiisa.
Tulluu Guuleed irraa Gaara Qundhudhoo yaabbachiisee, Ganda Quraa gubbaan qilleensa
qabbanaawaa Oromiyaa somba unachiisaa,
Biyyoo Adaree halaalaa nama daawwachiisa.
San keessa nama oofaa fidee, amna dheeraa
biyyoota meeqa booda, Bitooteessa 14, bara
1976, Aaw-Wadaay duubaan Gobeelle nama fida. Achirraa Qabsoo Hidhannoo Bilisummaa
Oromiyaa tan Elemoo Qilxuu faan irraa
wareegaman itti nama deebisa. Yaroo Jaarraa Abbaa Gadaa, maqaa guutuu
Oromoo tiin qabsoo hidhannoo jalqabe, yaroo
tooftaan lammi adda qoqqooduu, kan diinni
baroota hedduuf irratti hojjachaa ture, karaa itti
qabateef ture. Gaafni san, gaafa, mootummaan
Habashaa Oromiyaa keessatti sirritti hidda gadi jabeeffatte. Gaafa nafxanyoonni “hadaraa Hayle
Sillaasee!” qofaan, hawaasa Oromiyaa
bobbaasanii galchaa turani. Kana malees,
yaroon san, yaroo Xophiyummaan onnee
Oromoota hedduu itti dhunfatte ture. San
malees, yaroo, gariin lammii eenyummaa isaanii gatani. Gariiniis if dhooysuuf ijibbaata cimaa
godhaa turani. Walii-galatti, yaroon san, yaroo
lammii Oromiyaa keessaa irra hedduun,
“harqoota mootummaa Habashaa jalaa bahuun
hin dandayamu,” jechuun, gabroomsaaf
oggolani. Jaarraa Abbaa Gadaa, haala akkasii keessatti,
gufuulee diinni eenyuummaa lammii
dhabamsiisuuf baroota hedduuf tarrisaa bahetti
qaataa harkise. Maqaalee adda addaa, kanneen
saba Oromoo gargar qoqqooduuf moggaafaman
macalaasee, Oromummaa du’arraa kaasee, sab-boonummaan faayee, qabsoo bilisummaa
ummata Oromiyaa tiif xurree baasuuf, daggala
gabrummaa-tti ibidda qabsiise. Kana malees,
Oromoota magaalaa keessatti maqaa Oromoo
tiin dhaaba dhaabbatan, kani sirritti hin beeyne,
ilmaan sabaa tahuu isaanii qofaanf amanee, aangoo isaan magaalaa keessatti wal muudan
gaaffii takka malee fudhachuu fiin, tokkummaa
sabaa hujiin mirkaneesse. Haaluma hundattuu, daandii haaraya saaquun
salphaa miti. Qarooma malees murannoo cimaa
barbaada. Hawaasa eenyummaa isaanii gatanii
diinaaf oggolaa jiran keessatti, qabsoo
hidhannoo adeemsisuuf ka’uun murannoo
murannoo olii ti. Jaarraa Abbaa Gadaa odoo sab-boononni hundi qabsoo hidhannoo jalqabuu
mamanii, ni dandayamtii itti amanee, kophaa
isaa gaara jiiysuuf dongoraa fudhatee itti seene. Jaarraa Abbaa Gadaa, qabsaawaa jaallan waliin
malee kophaa qorii harka hin keenye. Yo
nyaanni kan wal hin geenye itti fakkaate,
malaan jaallan nyaachisee ifii agabu, jeeyna
geeraree nama onnachiisu, duulee duulchisu,
kan lubbuu jaalaa baasuuf, tan isaa halaaka keessa naqu. Kana malees, Jaarraa Abbaa
Gadaa, hooggana duulatti nama ergee ifii
duubatti hafu odoo hin taane, kan duula
godhamu hundarraa, jaallan dirqitti if duubatti
hambisani. Gootummaan isaa qe’ee diinaa
keessatti-llee beekkamtu. Nafxanyoonni yaroo maqaa isaa dhagayan hin baarayne hin jiran.
Yaroo ija isaa, tan goobana gaggeessu namatti
dhaabu, dhanfoora keessa hulluuqee, sammuu
keessaa waan yaadan kan daawwatu faakkaata.
Sujuunni addarraa ifu qulqullina onnee fii qalbii
sirritii mirkaneessa. Kilaash dacha’aa fii zinnara isaa hidhatee hoggaa nama dura dhaabbatee
haasawu, haalli isaa daawwatamee – haasoyni
qoma isaa keessaa burqu dhageeffatamee, hin-
quufamu.
ABO.ARAARSO BIQILAA ABO Baha Oromiyaa Magaalaa Haramayaa
.
LIKE ,COMMENT,SHARE,SUBSCRIBER GORADHAA
Thursday, November 8, 2018
OBBO MUKTAR KEDI BARA 2016 IRRAA KAASEE EESSA JIRA?
TEAM LAMMA-Gareen jedhamee OPDO Duraanii ykn ODP ammaa keessaa uumamee kan P/M/N Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaatiin dursamu duuba irraan qeerroo hiriirsisee gamoo gabrummaa jabaa woyyaaneen saba keenya irraa jijjigsuuf dimaamitii cimaa PM.DR.Abiy Ahmeditti baachisanii erga masaraa mootummaa seensisan booda jijjiiramoota baayyee agarree jirra.
-Qaamotni dinagdee biyyattii akka lafee ququmsanii nyaatan himannaa tokko bale bilisaan akka jiraachuu danda'an arguu eegalle.
-Dhaabbileen siyaasaa hedduun biyya irraa baqatanii biyya namaatti siyaasa biyattii irratti hojjechaa turan maqa balleessi isaan irratti mootummaa biyya keessaan geggeeffamu dhaabbatee bilisaan biyya keessa galanii dhimma siyaasa isaanii geggeeffachuu akka danda'an agarre.
-Miidiyaaleen garagaraa kan dhimma siyaasa biyyattii irratti mormii geggeessanis bilisa bahanii akka biyya keessa seenanii yaada isaanii bilisaan akka geggeeffatan godhame.
-Hidhamtoonni(sirreeffamtoonni)siyaasaa hedduunis bilisa bahanii akka biyya isaanii irratti falmii karaa nagayaa geggeeffataniif haalli sirraahe.
kun hundi godhanee osoo jiruu Prezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii kan turan Obbo Muktaar Kadiir wayta taayitaa isaanii irra turanitti gaariis haa dalagan badaa siyaasa biyyattii wayta sana ture madaallii keessa galchamee namni kun hayyuu ilma Oromoo tokko,badii isaa olii kan hojjetanii turaniyyuu harra dhiifamni godhameefii abaaboofi marga jiidhaa,dammaafi aannaniin simataa Ida'amni Obbo Muktar Kedir irratti hin hojjenne albaadhessummaadha.
waan kana mootummaan naannoo Oromiyaa hubatee nama kana akka dhaaba kan keessatti shoora isaa bahatuuf carraa kennuufiin dirqama jedheen yaada.bara kana wanni saba Oromoo keessatti agarru akka kubbaa miilaa badii hedduu dalagdee deeggartoota qabaannaan badiin kee akka jaakkeettii sirraa bahee bilisaan boontee jiraatta.kun akka hafuuf garuu waliif yaaduufi garaa baldhachuun furmaata jedheen yaada.horaa bulaa. Mohammed Bin Aljazeera
Wednesday, November 7, 2018
Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti
Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse gaafi namoota hedduu ta’u danda’a. Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti akkasumas akka isheen dubbateetti. Yeroo isheen waggaa saddeet turte sanatti naanno isheen itti dhalattee sana jeequmsaatu ture, jeequmsa kana keessatti obboleewwan ishee kan dhiira fi abban ishii akkasumas manni isaani ibiddaan kan gubame ija ishiitin raga baate. Yeroo kanattii Mahbuuba fi obboleetti ishii harka daldaloota gabroota jala seenan. Daldalootni kuniis Mahbuuba fi obboleetti ishii gara magaala Gondar Kaaba Ixoophiyaatti imalchiisan. Achittii gabaa gabrootaatu ture. Gabrootni naannolee Kibbaa biyyaatti irra fidan hunduu magaala Gondariirra gara Suudanitti geefamaa turan. Sudaan irra immo gara Biyyaa Masriitti kanneen geefaman keessa Mahbuuban ishee tokko dha. Imala kana gidduutti iddoon obboleetti ishii baddee beeku baatus yeroo sanatti Oromoota hedduu yookan immo warrootni Afaan ishii beeku hedduu wajjiin turte. Jaarra 19ffa keessatti gabrootni biyyaa Ixoophiyaarra dhufan lakkoofsan gara kuma diigdami shan (25,000) tilmaamama, hedduunsaani kibbaa biyyattiirra fidan. Kanneen keessa Oromootatuu baayyata. Warroota asirra biyoota Awroopa, fi Hindiitti kanneen gurguraman baayye dha.
Biyyaa Masriitti, Hermann erga Mahbuuba bitate booda ishee waliin biyyoota garaagara deeme. Yeroo kanatti Mahbuuban umrii wagga 10 – 12 gidduu taatus, bilchina sammuu fi akkaata amala ishii yoo ilaalan nama hojjaan madaalamuu mitii. Kanarra kan ka’e, Hermann jaalala Mahbuubatin booji’ame. Biyyaa Jarmaniitti haadha manasaa wajiin wal yaa hiikani iyyuu, Mahbuuba wajjiin akka niitii lammaffaa walii-wajjiin jiraata ture. Adeemsa isaa keessatti biyyyoota kannen akka Felestiin, Suuriya, fi Istanbuul(Turkii), Mahbuuba wajjiin deeme. Biyyoota kana keessa intala kana qabatee wajjiin deemu waan sodaatef, uffata loltuu dhiira uffisee wajjiin deema ture.
itti fufaa
mahabubaa part 2 Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse
mahabubaa
part 2
Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse gaafi namoota hedduu ta’u danda’a. Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti akkasumas akka isheen dubbateetti. Yeroo isheen waggaa saddeet turte sanatti naanno isheen itti dhalattee sana jeequmsaatu ture, jeequmsa kana keessatti obboleewwan ishee kan dhiira fi abban ishii akkasumas manni isaani ibiddaan kan gubame ija ishiitin raga baate. Yeroo kanattii Mahbuuba fi obboleetti ishii harka daldaloota gabroota jala seenan. Daldalootni kuniis Mahbuuba fi obboleetti ishii gara magaala Gondar Kaaba Ixoophiyaatti imalchiisan. Achittii gabaa gabrootaatu ture. Gabrootni naannolee Kibbaa biyyaatti irra fidan hunduu magaala Gondariirra gara Suudanitti geefamaa turan. Sudaan irra immo gara Biyyaa Masriitti kanneen geefaman keessa Mahbuuban ishee tokko dha. Imala kana gidduutti iddoon obboleetti ishii baddee beeku baatus yeroo sanatti Oromoota hedduu yookan immo warrootni Afaan ishii beeku hedduu wajjiin turte. Jaarra 19ffa keessatti gabrootni biyyaa Ixoophiyaarra dhufan lakkoofsan gara kuma diigdami shan (25,000) tilmaamama, hedduunsaani kibbaa biyyattiirra fidan. Kanneen keessa Oromootatuu baayyata. Warroota asirra biyoota Awroopa, fi Hindiitti kanneen gurguraman baayye dha.
Biyyaa Masriitti, Hermann erga Mahbuuba bitate booda ishee waliin biyyoota garaagara deeme. Yeroo kanatti Mahbuuban umrii wagga 10 – 12 gidduu taatus, bilchina sammuu fi akkaata amala ishii yoo ilaalan nama hojjaan madaalamuu mitii. Kanarra kan ka’e, Hermann jaalala Mahbuubatin booji’ame. Biyyaa Jarmaniitti haadha manasaa wajiin wal yaa hiikani iyyuu, Mahbuuba wajjiin akka niitii lammaffaa walii-wajjiin jiraata ture. Adeemsa isaa keessatti biyyyoota kannen akka Felestiin, Suuriya, fi Istanbuul(Turkii), Mahbuuba wajjiin deeme. Biyyoota kana keessa intala kana qabatee wajjiin deemu waan sodaatef, uffata loltuu dhiira uffisee wajjiin deema ture.
itti fufaa
Monday, November 5, 2018
Waraanni ykn WBOn ajaja ABO hin fudhannee Waraana Adda Bilisummaa Oromoo ABO/WBO tahuu hin dandeyu.Araarsoo Biqilaa
Waraanni ykn WBOn ajaja ABO hin fudhannee Waraana Adda Bilisummaa Oromoo ABO/WBO tahuu hin dandeyu.Araarsoo Biqilaa
=======================
IA/HD ABO Obbo Araarsoo Biqilaa baha Oromiyaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti Sadaasa 4/2018 haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi marii araaraa Addi Bilisummaa Oromoo ABOn motummaa naanno Oromiyaa fi motummaa Fedraalaawa Itoopiyaa waliin irra gaye jiru irratti ibsa bal’aa hirmaattota sirnichaaf kennanii jiran.
ABOn waliif galtee motummaa naanno Oromiyaa waliin qabu kanatti fayyadamuudhaan Qabsoo karaa nageeyaatiin gaggeeysuuf kan murteyfatee jiru ahuu ibsee baka sossohan hundatti deggarsa gara motummaa naannoo Oromiyaatiin isaaniif taasifamaa jiru maqaa ABOtiin galata guddaa Pre/motummaa naannoo Oromiyaa Dr kabajaa Obbo Lammaa Magarsaa fi Mummee Ministeera Itoopiyaa Dr Abiy Ahmed kan galatoomfatan tahuu Obbo Araarsoo Biqilaan dubbatee jira.
WBOn mooraa Leenjii Polisii Oromiyaa “Ardiyyatti” Leenjii fudhachaa jiru yeroo muraasa keeysatti Leenjii isaa xumuratuudhaan Polisii fi Kora Bittinneeysaa Oromiyaatti dabalamee nagenya Ummata Oromoo tiksuu keeysatti shoora gama isaa kan gumaachuuf jiraatu tahuu Obbo Araarsoon addeeyseeti jira.
Biyya takka keeysa waraanni lama hin jiraatu waan taheef WBOn akkuma jirutti hundi isaa Mooratti galee Leenjii barbaachiftu eega fudhateen boodatti Polisii Oromiyaa waliin nageenya ummataa tiysuuf jiraata jechuudhaan gaaffiilee hirmaattota sirnichaa irraa dhihaataniif deebisaa kennanii jiran.
Waraanni ajaja dhaabaa isaa hin fudhannee waraana sirnaa tahuu kan hin dandenye tahuu itti dabaluudhaan I/A/HD ABO Obbo Araarsoo Biqilaa haasawa bal’aa baha Oromiyaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti Sadaasa 4/2018tti hawaasa naannichaaf godhaniin addeeysaniitii jiran.
Murtiin WBOn mooratti galee leenjii fudhatee Polisii Oromiyaatti dabalamuu kuni murtii maayyii kan ABO fi motummaan naannoo Oromiyaa irratti waliif galanii jiran waan taheef WBOn waliif galtee kana hujiitti hiikuu hin fudhanne ajaja ABO jala kan hin jirre tahuu Obbo Araarsoon gaaffilee hidhannoo WBO laalchisee hirmaattoota sirnichaa irraa dhihaataniif laate keeysatti mirkaneeysee jira.
UNHCR evacuates hundreds of vulnerable refugees out of Libya to safety
UNHCR evacuates hundreds of vulnerable refugees out of Libya to safety Add caption
-
\ SEENAA ABUUBAKAR MUUSSAA Fii GUMAATA GUDDINA AFAANII FII AADAA OROMOO TIIF LAATE Dandeeytii kennaa uumaa fii beekkomsa baratani...
-
Walakkaa bara 1876a, gaafa Ibroo Shaxaa lola Cirrachaatti waraana Misraa kan Ra’uuf Baashaa tiin hoogganamuun odoo loluu wareegame, ilmi isa...
-
Waraanni ykn WBOn ajaja ABO hin fudhannee Waraana Adda Bilisummaa Oromoo ABO/WBO tahuu hin dandeyu.Araarsoo Biqilaa =======================...








