Thursday, May 30, 2019

UNHCR evacuates hundreds of vulnerable refugees out of Libya to safety

UNHCR evacuates hundreds of vulnerable refugees out of Libya to safety


Italy. Refugees reach safety after evacuation from Tripoli
Refugees disembark an evacuation flight from Libya after landing at Pratica di Mare air base in Pomezia, near Rome, Italy, on April 29.  © UNHCR/Alessandro Penso

Amid violent clashes and adeteriorating security situation in Tripoli, 149 vulnerable refugees and asylum-seekers were today evacuated to safety in Rome.
The evacuees are from Eritrea, Somalia, Sudan and Ethiopia. They include 65 children, 13 of them below a year in age. One of the children was born just two months ago.
Many of the evacuees need medical treatment and are suffering from malnourishment.
The group were moved from UNHCR, the UN Refugee Agency’s Gathering and Departure Facility (GDF), after surviving months in dire conditions inside detention centres in other parts of the city. The evacuation was carried out in collaboration with Libyan and Italian authorities.
“More humanitarian evacuations are needed,” said Jean-Paul Cavalieri, UNHCR Chief of Mission in Libya. “They are a vital lifeline for refugees whose only other escape route is to put their lives in the hands of unscrupulous smugglers and traffickers on the Mediterranean Sea.”
Earlier this week, 62 urban refugees from Syria, Sudan and Somalia were also evacuated from Tripoli to UNHCR’s Emergency Transit Centre in Timisoara, Romania. They will receive food, clothing and medical treatment before travelling onwards to Norway. The International Organisation for Migration (IOM) provided support with transportation.
UNHCR is grateful to States that have come forward with evacuation places however, new detainees are arriving at a faster pace than people are departing. More than 1,000 refugees and migrants have been evacuated or resettled out of Libya by UNHCR in 2019, while more than 1,200 others have been returned to Libya by the Libyan Coast Guard in just May alone after being rescued or intercepted while attempting to flee by boat.
With the fighting in Tripoli showing no sign of stopping, the risks of detainees being caught up in the clashes are rising. UNHCR reiterates its call to States to urgently come forward with further offers of humanitarian corridors and evacuations in order to bring detained refugees in Libya to safety.
More than 83,000 Libyans have been forced to flee their homes since early April, as rival forces continue to engage in fighting and heavy shelling. Local municipal governments and host communities have played a critical role in providing assistance to the displaced, many of whom are sheltered inside schools and other public buildings. Others have left to stay with friends and family in neighbouring towns and cities.
UNHCR has provided more than 9,000 displaced people with emergency assistance and relief items, and donated medical supplies and ambulances to hospitals through the Ministry for Health and the Libyan Red Crescent.
Nearly 600 people have lost their lives in the recent clashes, according to the World Health Organisation (WHO). Last week, two ambulance drivers died after being caught up in shelling attacks. UNHCR reiterates that targeting civilians and humanitarian workers constitutes a violation of international law, and calls for any perpetrators of such attacks to be held accountable.



For more information on this topic, please contact:
In Tunis, Tarik Argaz, argaz@unhcr.org, +216 29 961 295
In Rome, Federico Fossi, fossi@unhcr.org, +39 349 084 3461
In Rome, Barbara Molinario, molinarb@unhcr.org, +39 33 85 46 29 32
In Geneva, Babar Baloch, baloch@unhcr.org, +41 795 139 549

Gabaasni xumuraa koree araaraa ABOfi mootummaa maal dabarse?

Add caption



 Gabaasni Koree Araaraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi mootummaa gidduutti araara buusuun miseensota WBO bosona jiran karaa ittiin galanirratti hojjetaa ture gabaasa xumuraa dhiyeesseera.
Dubbiin ijoo gabaasichaas ABO, mootummaafi ummanni Oromoo tokkummaan nageenyaa yeroo kamiyyu caalaa barbaachisaa ta'e mirkaneessuun ol-aantummaan seeraa akka kabajamuu malu ture.
Gabaasa kanarrratti Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) hojiiwwan moootummaan ol-aantummaa seeraa kabachiisuudhaaf hojjetu akka deggeru beeksiseera.
Hayyu Dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa kanaan booda ABO'n humna waraanaa hidhatee socho'u akka hin qabne himanii, hojii mootummaan naannoo Oromiyaa ol-aantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetu akka deggeran ibsuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaaniiru.
Koreen Jaarsolii Araaraa WBO bosona jiru galchuudhaaf socho'aa ture gabaasa xumuraa har'a bakka I/A Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, I/G Waajira ODP Obbo Addisu Araggaafi Obbo Daawud jiranitti dhiyeesseera.
Ibsa isaanii keessatti kana booda ABO Gumii Sabaafi BMNO akkasumas ODP nageenya Oromiyaa mirkaneessuufi tokkummaa ummata Oromoo cimsuuf waliin akka hojjetan waliigalteerra gahuu isaanii Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaas gabaaseera.

Hayyu Duree ABO Daawud Ibsaa

Obbo Daawud akka jedhaniti, uummanni Oromoo, Addi Bilisummaa Oromoo, dhaabotiin siyaasaa, akkasumas mootummaan Oromiyaa harka walqabatanii tokkumaadhaan yoo deeman rakkkinoota hedduu yeroo gababaa keessatti akka xumuratan ABO'tti.
"Nutis gama keenyaan qophaa'oodha. Dhaabotii Oromoos ta'an mootummaa Oromiyaa waliin hojjennee nageenya Oromiyaa qofa osoo hin taane, nageenya naannoo kanaatiifuu bu'uura taanee akka xumura itti goonu amantaa keenya,"jedhan Hayyu Dureen ABO.

Hayyuun Siyaasaafi miseensi koree kanaa Obbo Jawaar Mohaammad

Gabaasa Koree Araaraa kanarratti dubbii taasisanii Hayyuun Siyaasaafi miseensi koree kanaa Obbo Jawaar Mohaammad, "Guyyaa har'aa irraa kaasee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)fi mootummaa kan naannoos ta'e kan federaalaa gidduu lolli akka hin jirretti kan hubannu," jedhan.
Itti dabaluun, kan hubatamuu qabus ABOn waraana isa jalatti buluufi ajaju hin qabu. Mootummaanis kana beekuudhaan qaamni kun siyaasa nagayaa ta'een akka deemuuf tumsa barbaachisaa ta'e akka taasisuuf, waraanni waamicha uummataa fudhatee gales kunuunsiifi tajaajilli barbaachisaan akka godhamuuf gaafanna jedhan.
"Hojiin keenya asirratti kan xumuramu ta'uus, tokko waraana biyya gala kana bakka qabsiisuu irratti mootummaa waliin waltumsinee kan walgargaarruufi itti deemnu ta'a.
Gara biraatiin akkuma waliigaltee kanaatiin ABO'n waajira isaa banatee, namoonni hidhamanis hiikamanii Orromiyaa keessatti nageenyiifi waltumsuun akka uumamuuf kan hojjennu ta'a."

Kana irratti dhaabbileen miidiyaa, rogeeyyiin akkuma waggoota darban keessa qabsoo kanaaf bu'aa guddaa buusan, har'as nageenyaafi tasgabbii Oromiyaatiif haraarriifi walhubannaan dhaabbilee lamaan gidduutti uumame kun haraara waara'aafi tasgabbii dheeraa akka fiduuf shoora guddaa taphatu jennees amanna jedhan Obbo Jawaar.
"Dhaabbilees, uummatas addaan harkisuu osoo hin taane, walitti fiduu irratti ga'ee keessan akka baatan abdii qabna."

Gabaasa Obbo Baqqalaa Garbaa dhiyeessan

Gabaasa Hojii Koree Araraa ammoo Obbo Baqqalaa Garbaa yeroo dhiyeessan dubbii ijoo aarmaan gadii kana kaasaniiru.
1. Addi Bilisummaa Oromoo waraana bosona keessaa waan hin qabneef, koreen kun ergama isaa bakkaan ga'eera jennee amanna.
2. ABO'n waraana bosonatti hafe akka hin qabne akka mirkaneessu gaafanna.
3. Akkuma labsii Amboo sanaatti, namoonni sababii waldhabdee kanaatiin shakkamanii mana hidhaa jiran akka gadi lakkifaman gaafanna.
4. Akkaataa labsii Amboofi seera biyyattiitiin ABO'n bakka hundaatti waajira isaa banatee karaa nagaa akka qabsaa'uuf mootummaan tumsa hundumaa akka godhuuf gaafanna.
5. Miseensota ABO duraanii kanneen waamicha Ambbootii Gadaafi uummata Oromoo dhaga'anii galan akkuma Abootti labsametti waanti waadaa galameef akka hojiirra oolu gaafanna.
Uummanni keenya waan hudna caalaa kan inni barbaadu nageenya waan ta'eef, qaamonni beekamtii mootummaatiin ala dhidhannaatiin socho'aa jiran kamiyyu gara jireenya nagaatti akka deebiyan waamicha gochaa, mootummaanis warra waamicha kana dhaga'anii dhufan akka simati ni gaafanna.
ABO, paartileen siyaasaa biroofi uummanni Oromii marti waliigalanii, waltumsanii ol-aantummaa seeraa akka kabachiisan dhaamsa dabarsina.
Murtii kanas gamni lachuu maqaa uummata Oromootiin mallattoon akka nuuf mirkaneessuun raawwii isaatiif ciminaafi kutannoodhaan hojjechuudhaaf waadaa akka nuuf galan kabajaan gaafanna.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan


Wednesday, May 29, 2019

SEENAA ABUUBAKAR MUUSSAA Fii GUMAATA GUDDINA AFAANII FII AADAA OROMOO TIIF LAATE


\
SEENAA ABUUBAKAR MUUSSAA 
Fii
GUMAATA GUDDINA AFAANII FII AADAA OROMOO TIIF LAATE

Dandeeytii kennaa uumaa fii beekkomsa barataniin gargaaramuun saba isaanii tiif waan hojjataniin, ykn-is laalaa fii rakkina saba isaanii hiikuuf tattaafata godhanii fii wareegama baasaniin, seenaa saba isaanii keessatti boqannaa miidhagaa namoonni qaban, qooda gumaachaniin wal caalanillee, yaroo fii naannoo mara keessatti hin dhabaman. Garuu, waan hunda biratti dinqifamaa tahe hojjaachuun, hawaasa keessatti jijjiirama guddaa fidaniin akka Urjii Bakkalchaatti hiriyoota isaanii caalaa ifanii warri mul’atan, ammoo, yaroo fii saboota hunda keessatti jibiri.
Jarri waan hojjataniin, waan bu’uraniin yokaan xurree baasaniin, hawaasa keessatti jijjiirama addaa fidan kuni, eenyummaan isaanii bara-rraa baratti hanga’a. Eega isaan adunyaa-rraa deemani-llee, bakka isaan hin-jirretti, hujii fii habaqaalli dhaaban hidda godhatee, lalisaa deema. Hayyummaa fii jeeynummaan isaanii kabajaa fii jaalala dheerinni yaroo hin irraanfachiifneen yaadatama. Maqaa fii yaadannoon isaanii tiis dhalootarraa dhalootatti tarkaanfata.
Warri haala olii kanatti zalaalam dinqifaman kuni, akkuma kan sabootaa biraatti kan Oromoo keessattiis qaalii dha. Haala kanaan, afaanii fii aadaa Oromoo kan diinni dhabamsiisuuf ijibbaataa ture dandeeytii fii murannoon dura dhaabbachuun, afaan Oromoo afaan boonsaa akka barbaachisutti ittiin gargaaramuun dandayamu tahuu hujiin agarsiisuun, aadaa fii afaan Oromoo tiif bu'ura hin diigamne dhaabuun seenaa qabsoo guddina aadaa fii afaan Oromoo keessatti namni maqaan isaa qalama dahabaa tiin barreeyfamu Abuubakar Muussaa ti. Abuubakar abbaa isaa Muussaa Wadaayii fii haadha isaa Faxumaa Haaji Alii irraa, baha Oromiyaa, godinaa Afran Qalloo, aanaa Oborraa, ona Dadar, araddaa Leelee Gabaa-tti, toora bara 1942 keessatti nama dhalate.
Abuubakar, akkuma kaa'imoota hedduu yaroo saniitti, akka if bareen barnoota amantii tiif hawaasa keeysa sosoohuu jalqabe. Yaroo tana, barnooticha biratti, aadaa fii hooda, heeraa fii seera manguddoon itti hojjatanii fii hawaasaan gaggeeysan qoratee if barsiisuun hawadame. Haala kanaa fiis afaanii fii seenaa biratti, mammaaksa, sheekkoo, geereersa, mirriiysaa, hibboo fii kkf qoma if guute. Isaa akkasiin waan dhagaye sammutti galmeeffachaa jiru, toora bara 1959 magaalaa Dirree Dhawaa seene.
Gaafni Abuubakar Dirree Dhawaa itti seene, gaafa seedanni jimaa karaa biyya alaa (Jabuutii fii Yaman) erguu haalaan oowwaa ture. Akki san, odoo hin turin, Abuubakar hujii barreeysummaa fii tooyannaa seedata ergiinsa jimaarratti mindeeyse. Gara biraatiin, Magaalaa Dirree Dhawaa keessa jiraachuun, afaan Arabaa kan barnoota ittiin jalqabe caalaa cimsachuuf, barruulee fii kitaabban afaan kanaan barreeffaman baayyinaan arktee dubbisuun, beekkomsa isaa guddisuuf haala mijjaawaa uumeef. Kana malees, afaan Soomaalee tii fii Amaaraa akka baratu godhe. Kuni, qooda guddina afaan Oromoo tiif laaterratti hedduu isa gargaare. Abuubakar, beekkomsa iaaa hujiin agarsiisuu fii guddina afaan Oromoo tiif qooda gumaachuuf karaan kan banameef, hundaawuu Hawwisoo Afran Qalloo tii ni.
Sossoohinsa galiin fiixa baate hunda duuba kan qoonni isaa murteessaa tu arkama. Abuubakar, nama seenaan sossoohinsa Afran Qalloo maqaa isaa tiin malee hin kaafamne. Abuubakarii fii waaheloonni lama, Usmaa'il Muummadii fii Alii Shabbioo, Jalqaba bara 1962, Hawwisoo Urjii Baakkalchaa tan hawwisoota Oromoo hundaaf angafa tahuuf jiraattu, magaalaa Dirree Dhawaa keessatti abuuran. Abuubakar, guyyaa hawwisoo dhaabuuf murteessan irraa halkan-guyyaa irratti hojjachuu jalqabe. Kaa’imman fedhii fii dandeettii wallisuu fii sirbuu qaban faana dhawee miseensoomsuun; warra wallisaniif walaloolee fii yadaloota qopheessuun; kanneen sirbaniif sossooha adda addaa baasuun; walleelee agarsiisni ittiin jalqabuu fii xumuramu, kanneen wallisoonni mata mataan wallisanii fii akka faaruutti tuutaan dhiheeysan, haala, yaroo fii fedhii ummataa tiin wal taasisee qopheessuun, yaroo gabaabduu keessatti, tuuta Urjii Bakkalchaa bifa hawwisoo qabachiise. Sana malees, ayyaana Iidaa tii fii sirna adda addaa-rraatti agarsiisa dhihaatan barreessuun, walaloo dhimma san calaqqisan baasee akka itti wallifaman godhuun, Hawwisoon Urjii Bakkalchaa yaroo gabaabduu keessatti akka beekkamtuu fii jaalatamtu godhe.
Walalooleen Abubaker Mussaa jireenya isaa gabaabduu keessatti barreesse heddu. Kanneen itti wallifamanii, hawaasa keessatti jijjiirama guddaa fidaniis akkasuma. Warra dheerinni yaroo miidhaga isaanii hin moofeysine keessaa, akka wal-duraa duuba tarrifama qubee tiin;
• Abbaa keetii jeeynaa an silaa siin saamaa
Loosha irgoo caamaa as koottu siin yaama
• An hamileen tiyya sumaa
Sa ati hoo tee eenyumaa
• An si jaallee yaa lubbuu too
Cinqamee bar an kophaa koo
• Ashiita shumuraa loosha bishaan biraa
Azeeba timiraa Jannanni si bira
• Bareeddu bareedduu way yaa bareechituu
Si birattiin ka'ee koo yaa qaceelchituu
• Bariitu ganamuu waaritu galgaluu
Na duraa mul'attaa yaada oolee hin-bulu
• Birraan naaf barihee ililliin urgooytee
Dilii maaliin qabaa Rabbii kiyya Gooytee
• Deemi quufi daawwii yaa ija bololtuu
Bayxee yaata malee waan namaa hin arkattu
• Dhagay tiyya dhagay gurraani
Jaalati dilli kuni waluu barraani
• Guyyaan guyyaa dha inninuu, ni agarra mee waliinuu
Kee bareenni qaaliinuu, na boochise kee amallinuu
• Ija lameen kuulaa yaa ilillii birraa
Ilillii maawardii ashiitee koo firraa
• Jaalalti jaalalaa mi'ooytuu qacalee
Yo akka jaala garii, numa hin-beeyne malee
• Jaaluma jaalumaa, jaalatan maalumaa?
Jaalatan dubrumaa, yo dhaban sabruma
• Koottu yaa biiftuu tiyya if duraan si qaba
Dawwitii tiyya sumaa daawwii qaba
• Koottu yaa ilillii an siifiin wallisaa
Utaaltee yo hin-dhufne firraa hiin callisa
• Kophaa koo na dhiiftee ati deemuuf kaanaan
Dubbachuun dadhabde ati naan dubbannaan
• Na jaalatte gama keetiin yo hawwan kee tahe malee
Kan ati feetu hin fedhan dureeysa akka isaanii malee
• Na laali siin laalaa yaa shankoora aalaa
Jaalati tun falaa een eenyurra laala
• Natti hin jabaatin gaa yaa jaalallee ollaa
Sii urjii anaa ji'aa, silaa waliin tollaa
• Obsi mee itti dhiisii
Guyyaa fidaa bar isii si
• Onnee too madooytuu naaf hin sossobamtuu
Gooytaa kee yaadadhu hireen katabamtuu
• Rabbi moo namumaa kan seera jallisee
Haati teenya takkaa maaltu addaan nu baase
• Roobe moo Ganna waluu odeeyfannaa
Osoo wal barannee waluu jabeeyfanna
• Si jaalle jaalala deeymaa
Jaalalti tee deeyma deeymaa
Deeyma dawaa koommee arma
• Siin barbaada hogguu gad hin teenye takkaa
Ballama naaf qabi eessattiin si argaa?
• Sirbaa sirbaa armaan loohii
Sirbii sirbii koo gama kiyya
Loohee sirbee, sirbee loohee
An gama kee fiiguu kiyya
• Takkaa na hin yaadannee hamma jiruu tee tii
Yaa boontuu naa nahii ani hiriyaa kee ti
• Wajji nyaannee dhuuynee hamtuu walii hin feenu
If keessa deebi'ii mee itti laali beenuu
• Wal arku waa hin oolluu haaya nagayattii
Hoggaa addaan yaanu lubbuun na rakkattii
• Yaada keetiin shororkaawee
Hangam takkaan daadarkaawee
• Yaa garaa jaalalaa si nayaadachiisa
Hirriiba dhiisii eessaa hiin gacciisa
• Yaa hiree hiriyaa joollumma-rraa eegalii
Waan wajji dabarsine yaadadhuu gargalii
• Yaa ibsiituu akka aduu
An si malee hin taraadu
Sihi taniin barbaadu
• Yaa ifaa uumamaa akka aduu iftaa
Yaanni kiyya sumaa yaada kee naaf himtaa?
• Yaa ji’a kurna shaneessaa
Yaa hangudaaya badheeysaa
Bareenni kee fuula keessaa
Gammachuu eessaan si geeysa
• Yaa moosinaa yaa moosinaa
Nuti akkaan si feenaa
• Zannuubee Zannuubee Zabbuubaa
Bishaan dhandhama kee aylii na fayyisaa
Si malee eenyumaa qalbii na wayyeessaa

Walleeleen walaloo armaa olii tiin wallifaman, sammuu dubraa fii dardara Oromoo keessatti sab-boonummaa cimaa uuman. Walleelee alagaa bowwaasuurraa ittisuun jaalala walii horsiisan. San bira kutee, qabsoo bilisummaa tiif akka if qaadhiman kakaasuu irratti qooda guddaa gumaachan.

Obbo Abuubakar, seenaa haala hawaasa Oromoo keessa turee fii jijjiirama arkamu mara walaloon yaro yaroon galmeeysaa ture. Haala hawaasa Oromoo keessatti bara 1962 dura ture walaloo,
Yaa ilmaan Afran Qalloo maalif tatteeysanii
Dardara alagaa of cinaa hin agartanii
Afaan isaanii tiin kunoo wal faarsanii.
Shamarran teenya tan karaa yaatulleen
Wanni wallisan bar tan jaraati walleen.
jattuun seenaaf galmeeyse.
Hawwisoo Afran Qalloo keessatti qoonni Abubakar walaloo barreessuu, qindeessuu fii beeysisuu qofa hin turre. Daawwii haala yaroo calaqqisaan barreessee, qindeeysee, namoota irraa qooda fudhatuus leenjisee, ifii fiis irraa hirmaachaa ture.
Dandeettiin biraa guddoon Abuubakar hawaasa keessatti dhageeytii fii jaalala ittiin hore seekkoo fii haasawa koflaa ti. Yaroo beeysisaaf dooyaa irratti ol bahu, sheekkoo fii haasawa koflaa gaggabaaboo aadaa fii jireenya ummata Oromoo hangaasan, kanneen daawwattoota hofalchiisaa, gammachiisaa, barnoota kennaniin galma booharsaa ture. Akkaataan haala saniin sirna agarsiisaa ittiin gaggeassaa ture haalaan dinqifame. Jachoota gaggabaabaa daawwatootaan gammachiisaa ture keessaa tokko haala itti if beeysisu. Kuniis, "Caalaa Caammaa" tiin beekkama. Yaroo waltajjii-rratti ol bahu, “Caalaa Caammaa, mucaan cimaan odoo hin mucucaanne ceehee, cuncuna coree, miiccee, cunfee, micciiree, coqorsa caffee caamaa afu dhufee, isin cufaa cal je'aa caqasaa” jachuun waca galama keessaa arihee qalbii dawwattootaa gama isaa hawada. Akkuma if beeysise kanatti, wallisoota hunda haala isaanii tii fii walleelee isaanii waliin dhadheessee dhiheessa.
Oduun (sheekkoon) koflaa kanneen daawwattoota ittiin booharsaa ture keessaa takka, tan "Haala Qilleensaa" ti. Isiiniis, “Qilleensi boruu, Mi'eesso-rraa karaa Ciroo, Ciro-rraa gara Baddeessaa, Baddeessaan gama Hirnaa, san booda karaa Dirree Dhawaa sossooha. Kasha booda, qilleensi bubbee kaasuun waan akka walaandoo fakkaataa dabree dabree buusa. Gama Asrii duumeeysi hin-jiru, haa tahu ammoo galaanni dhufuu hin oolu. Gara galgalaa adda namoota gari-garii-rratti dafkaa tu arkamuuf taa'a. Kan mirqaanaa tahullee hin beekkamu. Oowwi guyyaa, kan irraa olii koka koollaa tokko nama obaasa. Kan irraa gadii, buna Baddeessaa siinii takka nama fesisa. Waarii booda yo haalli qilleensaa isinitti jiijiirame ana Dooktara keeysan Sagal Seeqaan marihadhaa. Tajaajilli koo tiis bilaashi.”
Haalli akkanaa kan biraa oduu Hara Xinniqqee ti. Isiiniis, “Obbo Xoroon, itti aanaan ministeera Xaasoo, xiixaan xiqqaan, obboleessi mister Firnxiixaa, kan uffanni qumxaa, faxarri qiixxaa, subaaxni baasxaa, wakkiilli oduu haxarfattuu hara Xinniqqee akka as xuruurfate-tti, dubbii xaxaa - xiixuu teenyaaf wiwixxifatee, haxarfatee, kophee-lee isaa babaxxee saniin, baxxaq baxxaq jechaa xarrifachaa osoo deemuu, mixaaxis maxaxaa xaan tokko xam godhee fixee, xiqqo dhaabbannaan garaan isaa akka nama xallaan xif tahetti xiillawuu, oduun Hara Xinniqqee tan qilleensa-rraan game keenya xiixxe ibsitee jirti,” tan jattu.
Abuubakar walaloolee koflaa tiis hedduu barreesse. Tan sagalee isaa tiin waraabamtee facaate keessaa takka tan "Yaa Mucayyoo Mana Keessa Jattu Law Law" tan jattu. Isiiniis;
Yaa mucayyoo mana keessa jattu law-law
Dilaaniin dhaaphee fooddaan siin ja'u haw-haw
Akka kiyyaan kanuma mana keeysan keessa ja'u calaw
Fitti na khaasee gara mana keessanii halaw
Hulaan cufaa taanaan godhe gaa qaw-qaw
Namich hamaan mooraa keessan keessa naannaw
Hattuu na seehee fiiginsa gara kiyya haw-haw
Qaallichi diinaa ellaan xiqqashollee namaaf hin naw
Dhufeetuma gurra keessa kabalaan na godhe zaw-zaw
Qaanqeen nadura facaatee natti dukkanaaw
Bitaa mirga gatantaree ani lafa dhaw
Funyaaniin lafa diree akka bashoo je'ee maaw-maaw
Waa xiqqo booda achumaan kutee an gaggaba kalaw
Hoggaa tana namichi kaniin waa tahe seehu
Dheefa dhukkee kaasee na biraa ceehu
Ceehinsa isaa agarraan mucayyoon manaa gadi bahu
Dhuftee miila isii tiin na gara-gaggalchinaan ani garaachaan bala'u
Ani yo kiyyaa na beeytellee waa hin seehu
Fuula keessa na laaluuf gadi goollawu
Na agarraan gurra lameen qabattee iyyeensa itti qabu
Iyyeensa dhageeynaan warri hundinuu manaa gadi orihu
Narratti wal gayanii na gubbaa gogoohu
Anaa kabala sanirraa hoomachi afaaniin bahu
Hoggaa arkan bishaan baaldii 15 natti toohu
Mucayyoon dhuftee na ol qabnaan ani wayyaawu
Suuta bayfadhee mumunyuuqachaa sosossoohu
Tana agarraan nu lameen walitti dhiisanii warri nu biraa yaa'u
Isiiniis harka isii lallaafaa saniin biyyee fii horofa narraa haxaawu
Harka isii tiin na tuqannaan ani daranuu bayfadhee wayyaawu
Maal taate gaa jattee jalqabde naan haasawu
Aniis niin himeef waan namudate hundaawu
Jachi isii deeymarra natti mi'aawu
Hoggaa tana ani gammachuun machaawu
Miidhaga isii tiin dhamaayyawee bareedasirraa fajaajawu
Aniis niin himeef waan namudate hundaawuu
Yaa tan jaalalti isii onnee toorraa jatte dhaw dhaw
Tan dharraa isiirraa ayliin too taate shaw shaw
Sani naaf beekuu dhabde gaa ati yow yow
Yo naaf beekuu dhabde ammoo, kaniin dhagaan guntuta kee sidhaw
Namichi hamaan fedhu naaf sii addaan dhoowwu
Eenyuma inni san ilmi haadha rawu
Inni silaa fedhu akkaan si dhabee hoongawu
Ani kabalamullee akkuma niyyaa tiyyaatti milkaawu
Jaalaluma teetii akkana namudee mee atuu daawwuu
Dhiisi gaa nurraa atiis yaa addee too sinsinnaawuu
Yaa tan onnee tiyya keessa facaatee akka meeshaatti gootu qalalaw
Buchuma jaalalaa natti as kenni, haa godhu galalaw
Garaan kiyyaas jaalalaan haa xiillawu
Qaamni kiyyaas gammachuun haa riiqawu
Irbuun siif seena akkaan sirraa garangalle hamma rifeensi koo arraawu
Yoon sigane kaballi namticha mooraa keessanii san gurra keessa na haa akaawu.
Walaloon Dooktor Gaarrinfataa hindhumtu haasawu
Ammaantana asumatti isinirraa haa ciqqaawu.
Abuubakar yaroo haala kanaa fii kan kana fakkaatan jechootaan miidhagsee ibsu, Oromoota yaroo sanii kanneen afaan isaanii tiin adda fagaataniif raajii ture. Dandeeytii isaa dinqifachuun, "Jinnii tu afaan isa barsiise" ja’anii warri haasawan heddu turan.
Abubakar nama gaafa afaan Oromoo, “afaan Qottuu” ti ja’amaa ture san, afaan kuni miidhagaa fii sooreessa taachaa karaa hedduun agarsiise. Abubakar guddina afaan Oromoo tiif wanni laate lakkaawamee hin dhumu. Walaaloo, sheekkoo fii haasawa koflaa bira dabree, asoosama gaggabaaboo, barnoota adda addaa laatan, kanneen haala jireenya hawaasa Oromoo calaqisanii fii dagaagina afaan Oromoo beeysisan hedduu barreeyse. Akkaataan Abuubakar asoosamoota isaa keessatti haalaa fii yaada itti ibsu kan dhaggeeyfatu qaamaa fii qalbii fuudhu.
Barreeffama “Lubbuu Abbaa Dhabde” ja’amu kan odoo hiree maxxansuu hin arkatin biraa deeme-rraa, kutaa lamadaa keessaa: - “Jiini Hagayyaa dabree ganni seene. Barri dullachi hafuura isaa kan dhumaa duumeeysa daalacha keessatti baafachaa halkan bara haarayaa argamsiisuuf dhufe. Dukkanti raaree fii laggeen walgeeyse. Karfaffuun heddominaan harca'uu jalqabde. Hangaasuun waluma-faana gaarran gubbaarraa gara raaree walaqqisaa, jiirkaa lafatti awwaalaa, goohaa galaanaa kan waahalleen deemu fidde. Gaarranii fii layni dukkana keessa xalayaa gurraattii duuti irratti katabamte fakkaatan. Ganda ededa qonyee legarra faca'e san hurreen adda babaafte. Ifaa lambaa xiqqashaa goojjoolee jajalloo keessaa billiq billiq ja'u melee, lubbuun namayyuu qeensa jalatti galte.
Beeyladaan okoya gole isaanii bira jirutti dhihaatan. Saroonni goda isaanii lixanii dhokotan. Qilleensa karfaffuu kan gaarranii fii laggeen iyyisiieee sagale nama baaraysitu fidu melee, waatakkalleen alatti hin-hafne. Akka waan uumaan haala bara dabreef jacha isaanirraa dallantee, qabbanti hamtuunii fii karfaffuun jabduun qottootarraa haluu bahutti jirti.
Halkan dukkana qilleensa hamaa kana keessa, gurbaan daddaan isaa bara diiydamii lama keessa jiru tokko, galaanaa fii horofa kana keessa, kan qabbanti qadaddaa qaama isaa qaata goggoysite, kan beelaa fii sodaan humnasaa fudhatan, kan timni galaanaa huccuu isaa gurraattii dhoose odoo hin ajjeesin kafana godhuuf kajeele, ganda Xirroo irraa gara ganda Damiin Muummee tattaafate.
Gurbaan kun, kan hogguu if dura deemuuf miila laatu, akka waan namoota lubbuu qaban keessaa isa arkuu jibbetti, qilleensi karfaffuu wajjiin lafaan dhawu, kan abdiin laaftuun, hoongawni hamaanii fii araraafamni jabaan isa keessatti wal lolaa jiran, akka allaattii goblaan isii caphee laga keessa buutee galaanni isii fuudhee hallayyatti darbeetti hollachaa, akka waan duuti isa reebaa jirtutti tirachaa, deema. Hoggaa humniti isaa dhumte, tattaafachuu dadhabee, dhiiyni isa keessatti ititee tima horofa keessatti if darbee jireenya isaarraa waan qaama isaa keesaatti hafeen, iyyeense guddaa sagalee sodaa tan akka nama hobonboleettiin hallayyaa biliileetti darbuuf fudhattee fuula du'aa agarsiiftetti, sagalee jireenya namummaa isaa, tan qilleensi waa dhabaa keessa jirtu iyye...”
Barreeffama “Gammachuu Didaa” kutaa jalqabaa keessaa - “Aruustichi jaarsi, kan daaddaa abbaa aruustittii, intala imimmaan haqattu, tan akka nama ajjeesuuf deemaniinii qaamni hadoodee irratti du'e fudhatee bahe. Dubraafii dardarri helleefii dhiichisaan dabaalaa mana aruustichaa gayanii gooftaafii giiftii siree dheertuu agoobaraarra baasan. Namoonni afeeramaniis waamicha kabajanii dhufanii kursiilee qophooyteef irra tattaa'an. Dalayduun burcuqqoo waliindhawaa gammachuun ormarra deemaa dhugaatii qicuu jalqaban. Wallisoonni yaamaman muuziqaa qoqooyxuu fii sirba isaanii babbareedaan daranuu lubbuu namaa macheeysanii waan qoma keessa qaban dhoosutti seenan.
Achi qarqara, intala bareedduu takkaa taa'a. Isii cinaa gurbaa isiin dubbachuuf jacha babbareedaa if keessa barbaaduu tu argama. Gurbaa kana maddii, jaarsa dhugaatii wal faana dhudhu'ee akka dabalaniif burcuqqoo waliin dhawuutu jira. Gara mirgaa tiin jaartii nyaara isiitiin jaarsa isiitiin loltuu tu argama. Isii tanaa achiis, dullattii ilma isii tokkichaaf tan taatu dubra achi jiran keessa barbaadduu tu taa'a. Cufti isaanii garba dhugatii fii taphaa keessa limanii wahalle irraanfatan.
Lakkuma halkan walkkaawuun, gammachuun ormaa goohatti jijjiramte. Surriin isaanii machooytee arrabni isaanii dubbachuullee dadhabe. Aruustichi, jaarsi, kan machaawe kuni, bakka isaa tii ka'ee orma keessa jijjigaa akka nyaatanii dhuganiif nama kadhachutti seene. Kun hundi hogguu tahu, aruustittiin bareedduun ijji isii lameen nama rifachiiftuun odoo olii gad mimil'attuu, gooha dila kanaa keessaa, gurbaa dardaraa, kan akka waan lubbuun isaa qaaman adda baateetti kophaa isaa cinqamaa taa'u agarti. ...”
Haala armaa olitti ibsameen, bara diinni afaan Oromoo tiin dubbachuu salphina namatti fakkeeysaa ture san keessatti, Abubaker, afaan kanaan dubbachuun, wallisuun, booharsuu fii asoosamuun akka dandayamu hujiin agarsiise. Hujiin isaa, kaa’imman Oromoo afaan isaanii tiin akka boonan godhe. Akki san qoma kaa’immanii keessatti sab-boonummaa habaqaaluun, fedhii diinaa tan Oromummaa dhabamsiisuu naaffise.
Walumaagalatti, hamma hawwisoon Afran Qalloo hacuuccaa diinaa tiin adda hin faca'intti, Abubaker walaloo, sheekkoo koflaa, daawwii fii wkf baayyee barreessee hujiirra oolche. Gochaa seena qabeessa kanaan, akkuma Hawwisoon Urjii Bakkalchaa walleelee Oromoo tan ammayyaa tiif haadhoo taatetti, Abuubakariis, og-barruu afaan Oromoo tan ammayyaa tiif abbaa dha.
Adooleessa 23, bara 1973, gaafa Hayle Sillaaseen, olola Maqdishoo keessaa itti ol xiixxu-rraa gurra hawaasaa maysuuf, Magaalaa Adaree keessatti, raadiyoona-rraa qophii afaan Oromoo jalqabsiisee, Abuubakar hojjattoota keessaa tokko tahun mindaawe. Carraa argate tanatti dhimma bahuu niis fedhii isaa tan afaanii fii aadaa Oromoo guddisuu if-qusannaa malee itti fufe. Sagantaa-leen isaa kanneen kofla keessaan barnoota laatan yaroo gabaabduu keessatti beekkaman. Keeesattuu qophii torbaanii, tan “Takka Wajjiin Kofalluu?” jattuun sheekkoo, hibboo, mammaksaa fii waan gara-garaa miidhagsee dhiheessuun, onnee dhageeyfattootaa fudhate.
Abuubaker Muussaa Wadaay, galgala Adooleessa 12, bara 1977, qophii isaa tan raadiyoo irratti
"Tan kutte gundoo
Tan haftee guddoo
Himanii hin-fixanii
Birumaa lixanii"
jechuun yaroo sagantaa isaa xumuru waan isa mudachuuf taa’u kan raage fakkaata. Galgaluma san isaa gala tiratu, nannawuma waajjira raadiyoonaatti, rasaasa diinaa tiin rukutamee wareegame.
Hayyichi afaanii fii aadaa Oromoo, Abuubakar Muussaa, odoo dandeeytii dila qabuun hojjatee hin quufin, umrii soddomii shanitti qaxara caphee, hawwii fii abdii isaa tiin adda bahe. Duuti isaa ummata Oromiyaa irraa hiis hayyuu beekkomsa afaanii fii aadaan tiin hiriyaa hin-qabne galaafatte.
Abuubakar afaanii fii aadaa Oromoo guddisuuf tattaafanni godhee fii qoonni gumaache, seenaa qabsoo guddina aadaa fii afaan Oromoo keessatti gulantaa ol-aanaa qaba. Inni biraa wareegamullee hujiin isaa hin duutu. Walleelee walaloota isaa tiin wallifaman keessaan abad jiraatti.
********
HUB: Seenaan tuni, jalqaba, qophii yaadannoo Abuubakar Muussaa tiif Ebla 31, bara 1997 biyya Kanadaa magaalaa Torontootti qophooyterratti, lamada, Ayyaana Yaadannoo Sossooha Afran Qalloo Kan Bara Shantamaa tiif Waxabajjii 30, bara 2012 magaaluma Torontootti godhamerratti dhihaatte.

Wednesday, May 15, 2019

ABO: ''Boordii filannootti galmaa'uufi filannoo waggaa dhufuuf qophaa'aa jirra''

Addi Bilisummaa Oromoo waliigaltee motummaa waliin erga taasise booda darbe darbe mootummaa waliin wal himachuun mul'atus karaa nagaan qabsaa'uuf biyya keessa sosso'aa jira.
Bakkeewwan hedduuttis waajjiraaleen yeroo biyyaa bahe cufamanii turan banamaniiru.

Haala filannoo dhufuuf qophaa'aa jiran irratti Hayyu Duree Itti - Aanaa dhaabichaa Obbo Araarsoo Biqilaa waliin turtii taasisneerra.
Mootummaafi ABO'n araara buusuuf waliigalan
'Biyya galuun ABO nageenya biyyattiif abdii guddaa ta'ullee itti fufuu hin dandeenye'
Haalli miseensonni waraanaa Xollaay itti jiran 'gaariidha'
Hoggantoonni dhaabichaa turtii waggaa dheeraa booda biyyatti erga deebi'anii as bakkaa bakkatti sosso'uun ummata dubbisuun alatti ''dabballoota leenjisuun bakka bakkatti ramadaniiru.''
''Gara filmaataa akkamitti deemna kan jedhu irratti hojjechaa jirra,'' kan jedhan Obbo Araarsoon waan qabatamaan dhaabi isaanii hojjetaa jiru dubbatu.
''Waajjirri banamaati jira, miseensota ijaaruufi qindeessuu, kaan waan boordii filmaataatiin waan guutamu qabu kan isaan ulaagaatti eegan guuttachuu irratti hojjechaati jirra.''
ABO'n boordii filannootti 'hin galmoofne'
''Filannoo waggaa dhufuuf qophaa'aa jirra,'' kan jedhan Obbo Araarsoon boordiin filannoo ''waan jaarmanni siyaasaa guutuu qabu jedhanitu jira isa guutuuf hojjetaa jirra,'' jedhan.
Wanti gaafatame baay'eedha kan jedhan hayyu - duree itti - aanaan dhaabichaa Obbo Araarsoon gaafa kuni xumuramu akka filannoo irratti hirmaatan dubbataniiru.
Waan guutamu qabu waan jirufis hanga yoonaa galmeen dhaabichaa hin xumuramne. ''Waan guttachuu qabnu irra caalaatti goonee jirra, waan hafes immoo itti deemaa jirra.''
Haa ta'u malee, osoo hin galmaa'in bakkeewwan hedduutti waajjiraalee banuun akkamin danda'ame kan jenneen Obbo Araarsoon waligaltee Asmaraatti mootummaa waliin qabaniin akka raawwate himaniiru.
Daawwannaa Dr Abiyii fi Lammaarratti ummanni Beegii maal jedha?
Waajjiraaleen banaman rakkoo waligaltee dhimmi waraanaan kan cufaman kan jiran yoo ta'u akka banaman mootummaa naannoo Oromiyaa bulchu waliin mari'ataa jiraachuullee ibsaniiru.
Dhaaba waggaa dheeraaf qabsoo hidhannoo gaggeessaa turef yeroo gabaabaatti qabsoo karaa nagaa gaggeessuun ni cima ta'a. Salphaa's ta'u dhiisuu danda'a.
Gufuuwwanis akka jiran qondaalli ABO kuni ni himu. ''Waldanquufi miila waljalaa fuudhuun bakkaa bakkatti ni jijjira. Kun gufuulee xixiqqoo ammatti jiraniifi duraanis tutturan inuma jiran.''
Yeroo ammaa karaa nagaan qabsaa'uuf haalli mijataa jira kan jedhan Obbo Araarsoon, ta'us ''karaa nagaa yeroo jennu garuu gufuun wayiitu hin jiru jechuus hin dandeenyu,'' jedhaniiru.
''Wanneen tokko tokko ademsuma qabsooti. Amni qabsoo karaa nagayaatis waan hedduu qabdi. Bu'aa bayii hedduus qabdi. Hawaasallee, biyyallee barsiisaa deemuu barbaachisa.''
Himannaa ABO tibbanaa
Dhaabichi ibsa kaleessa baaseen qondaaltonni ODP miseensota isaaniif leenjii wayita kennan "ABO'n diina tarsiimoo kiyyaa ti," jechaa jiru jechun gadduu isaa ibseera.
''Gochi amma mootummaan itti jiru hojii ABO dadhabsiisuuti''
ABO: ''Waraana dhaabne malee hin hiikkachiisne''
Kana gochuunis dhaabi naannoo Oromiyaa bulchu, ODP'n, akka waadaa paartileen siyaasaa filannoo dura mallatteessan diigetti akka hubatamu qabu akeeka. Gama ganaan ODP irraa wanti dhagahame hin jiru.
''Nuti madda rakkoo ta'udhaaf hin dhufne, rakkina biyyaa furudhaafi. Nuti ilmaan biyyaati, kan qabsaa'aa turres biyyaafi '' jechuun Obbo Araarsoon dubbatu.
ABO fi WBO
Dhimmi waraanaa rakkoo ijoo mootummaa waliin isaan buuse turus boodarra Hayyu - dureen dhaabichaafi ajajaan waligalaa WBO Obbo Daawud Ibsaa Abbootii Gadaatti dabarsani kennu himaniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo simatamuu 'eegale'
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) qaama waraanaa Adda Bilisummaa Oromooti. Erga Ebla 01, 2019 as garuu ibsa miidiyaalee hawaasummaa irratti gadhiiseen waraanni dhaaba jalatti akka hin bulle ibseera.
Haa ta'u malee, dhimma kana irratti dhaabichi ibsa baase hin qabu.
Maalif kuni tahe kan jenneen Obbo Araarsoon dhimma waraanaa Koree Teknikaaf erga kennani as waayee waraanaa dubbachuu akka hin dandeenye ibsu.
''Boqonnaa waraanaa sanaan keessaa baane. Humnimmoo alatti hafe waan barbaade gochuun kan isaati jechuudha,'' jedhaniiru.
Lixa Oromiyaatti saamicha kan gaggeesse eenyu?
"Hiidhannoo hiikkachuun dhimma mariif dhiyaatu miti"
Waraanni yeroo kana godhu nu waliin hin mari'anne kan jedhan Obbo Araarsoon, erga murteen waraanaa barame asis tarkaanfii dhaabichi fudhate akka hin jirre BBC'tti himaniiru.
''Ammattii waraana wajjiin qunnamtiin qabnu hin jiru,'' kan jedhan qondaalli kuni ammaan achi dhimma waraanaa dubbachuun akka itti ulfaatu dubbataniiru.
Mata dureewwan walitti dhiyaatan
Uummata Oromoo DHDUO (Dhaabbata Dimookraatawaa Uummata Oromoo)

Wednesday, December 26, 2018

IBSA ADDA BILISUMMA OROMOO
H/A.B.O. JAAL ARAARSO BIQILAA DUBBATEE.WOLLIN HADHAGEFFANU

HEDU GALATOMII JANAN YAADA KESSAN COMMENT FII SHARE  GODHA

Sunday, December 9, 2018

SHAASHEE dhagaa bu’uraa waajjira OMN keenyee, eebba fudhannee mariitti seennee jirra.


Abbaan Qeerroo Harra Asallaatti akkanatti baroodaa oole. #Ittimuddi .

  
Activists Jawar Mohammed 


Ummanni Oromoo #Walloo Aanaa Baatee bifa kanan hidhattooni naannoo Affaar Ganda isaani irraa buqisani

Ummanni Oromoo #Walloo Aanaa Baatee bifa kanan hidhattooni naannoo Affaar Ganda isaani irraa buqisani jiran. Lolli kuni eega jalqabe oole bubbulaa jira Ummani Oromoo fi koreen Gargaarsa Iromiyaa maalif nutti cal jedhan? jedhu jiraattoni. Mootummaan naannoo Oromiyaa fi Federaalaas rakkiina Ummata kanaa guutumatti maaliif ossoo argani akka hin argine calliisani laaluu?
Addisu Arega Kitessa Jawar Mohammed Abdurahman Abdella, Tarekegn Bululta Godana Ezekiel Gebissa Girma Gutema Hamza Borana isin cinaan warri bulchinsa keeyissa jiru kan dhiimmi kun kallattin laallatu Hayyootaa fi Rogeeyyin Oromoos kan Waa’ee Ummata Keenyaaf biyya Itiyophiyaa keeyissa jirttaniis rakkiina Ummata kanaa laalaati furmaata Waliin itti haa barbaannuf. Isinis calliftani hin laalina.

WRITER Yaya Bashir

Polotikaan ummata Sudaan Kibbaa fakkeenya polotikaa Afriikaa ti. Waggaa 5 caalaaf kan ummata gosaa fi kutaadhaan gargar qoodee wal ficcisiisaa bahe jaruma. Buqqa'iinsa miliyoonotaa fi barbadaawinsa dinagdeefis gaafatamaan jaruma kana. Hogganoota siyaasaa ti. Dantaa aangoof jecha wal dhabani. Yeroo wal dhaban gosa keessaa dhalatan meeshaa godhatanii lolaaf waamicha gochuun walirratti kakaasan. Har'a araara qaamota sadaffaa yeroo dheeraa booda dantaan isaanii guutamnaan ummata walitti diinomsaniif waamicha araaraa godhu. Kasaaraa biyyaa fi ummata isaanii mudateef eenyu gaafatama? Nuti hoo, muuxannoo borqoqqaahaa (fokkataa) olloota keenyaa kana irraa waa barannaa laata?

Tuesday, November 13, 2018

#Injifannoo Mejer Jeneraal Kinfee Daanyew Itti Gaafatammaan METEK Duraani Finfinee dhaqabaniiru .

#Injifannoo 

Mejer Jeneraal Kinfee Daanyew Itti Gaafatammaan METEK Duraani Finfinee dhaqabaniiru .


Geetachewu Asseffanis Suudanit akka tohannoo jala olfame gabaafamaara .

Tigraay maal jedhaa jirti laata?

Tigraay maal jedhaa jirti laata?

Hafuurri Tigraay keessaa hafuursu har'a daranuu hammaateera. Dammaqoo sabichaa kan jedhaman wanti barreessaa jiran irra caalaan miira abdi kutannaa, dhaadannoo, wal qeequu fi wal tasgabbeessuuf carraaquutiin kan guutame. Kanuma waliin waamichi lolaa har'as itti fufee deemaa jira. Dargaggoon Tigraay gurmaawee akka lolatu kakaasaa jiru. Har'a ammoo wanni haaraan dabalame Dr. Dabra Tsiyoonitti quba qabuu dha. "Qaroo fi gaachana keenya kan tahan qabsaayota keenya dabarsitee kannita taanaan galmee gantoota Tigraay warra bara Minilik durii keessatti maqaa kee barreessina" jechaanii jiru. Yoo jagnummaadhaan ''duula Tigraay irratti baname'' kana irraa qolachuu hin dandeenye dafee akka aangoo gadhiisu waamicha  daddabarsaafii jiru. 


Waan itti fufee deemaa jiru hordofnee walii qoodna.

Sunday, November 11, 2018

(Jaarraa Abbaa Gadaa) hoggaas dhalata. Ilmi Haaji Ibraahim Haamid

Walakkaa bara 1876a, gaafa Ibroo Shaxaa lola

Cirrachaatti waraana Misraa kan Ra’uuf

Baashaa tiin hoogganamuun odoo loluu

wareegame, ilmi isaa Haamid Ibroo dardara ture.

Lola Calanqoo booda, baruma 1887 keessa,

gaafa Minilik summii buna keessatti naqeen Haamid Ibroo galaafatu, ilmi isaa Ibraahim

Haamid joolle. Bara 1936, gaafa Ibraahim

Haamid, nafxanyoota hawaasa Oromiyaa Bahaa

sirna gabrummaa hoonga hin-qabneen

araraasaa bahan adamuun hijaa bahaa ture,

Abdukariim Ibraahim (Jaarraa Abbaa Gadaa) hoggaas dhalata. Ilmi Haaji Ibraahim Haamid

Ibroo Shaxaa fii Aadde Moominaa Eeboo,

Jaarraa Abbaa Gadaa, akka Xaaliyaan biyya

teenya seeneen, bara 1936 keessa-tti, Baha

Oromiyaa, Konyaa Gaara Mul’ataa, Baadaa

Kurfaa Callee, Araddaa Waldaya Raammis, Ganda Mudiir Gorrootti, nama dhalate. Jaarraa Abbaa Gadaa, daa’imummaa-rraa

kaasee, mana barnootaa tii fii saniin alattiis,

nama naamusa cimaa qabaachuun beekkame.

Haalaa fii amala badoo kaa’imman harkisan

irraa walaba tahuu malees, jiruu sadoo tan

keessatti dhalate hordofuu caalaa, rakkataa fii dadhabaaf annaannachuu fii gargaaruun, nama

joollummaan qoma fudhatte. Lakkuma umriin ol

siyxuun ummata naannoo isaa jiran keessaa,

qabaataa fii dhabaan, jabaa fii dadhabaan,

rakkisaa fii rakkataan, eenyu fii eenyu akka

tahan adda bare. Ummata ganamaa fii galgala garaan isaa mararfatuuf, kan jallina hiree mude,

talisummaa fii khash-labbummaa odoo hin-

taane, sirna gabrummaa taachaa fii inni

jireenyaan haala wayyaa keessa jiruus

isaanirraa tokko tahuu hubate. Lammiin inni irraa tokkoo kuni, araraafama

malees, qe’uma isaanii keessatti, mirga abbaa

biyyuummaa dhabanii, warra naannawa san jiran

hundaan, namaa gaditti laalamuu arkaa fii

dhageeytii jibbe. Haala kana dura dhaabbachuu

dhiisanii, warra hawaasa biraa keessatti baquun jalaa miliquuf tattaafatan balaaleeffate. Gama

isaa tiin, bakka deemu hundatti maalummaa

isaa haalota adda addaa-tiin, mul’isuu jalqabe.

Mana barnootaa keessatti afaan isaa

dubbachuun, aadaa isaa agarsiisuun eenyu

akka tahe ifa if baase. Guyyaa barnoota hin- qabne otobuusaan olii gad daddeemuun, warra yaroo makiinaa keessa seenan ummanni balfee

biraa fagaatu-tti maxxanuun, kursii irraa ka’ee-fii

teeysisuun, ba’aa gargaaruun, mataa ol

qabatanii akka deeman onnachiisuu hujii

godhate. Biyyoo Adareetti, barnoota sadarkaa kutaa

lamadaa lakkuma ol qaqqabachaa deemuun,

anaannaanni saba isaatiif qabu caalaa sammuu

fudhachaa deeme. Jaarraa Abbaa Gadaa,

barnoota yaroo sanitti biyya keessa-tti kennamu

rakkoo takka malee xumuree, yo itti fufuullee fedhe, biyya alaa deemee barachuuf hiree gaarii

nama qabu. Gama biraa tiin, ammaas, barnoota

yaroo dheeraa tiin odoo if hin rakkine, kanuma

biyya keessaa tiinuu, caasaa warraa keessaan,

hujii mootummaa bareedduu argachuun isaaf

salphaa ture. Garuu, yaaddoon dhibdee ummataa, hegeree isaa caalaa, sammuu

fudhattee barnoota waakkattee, lafa warri isaanii

Asaboot keessaa qaban irra qubachiifte. Iddoo haaraya qubatettiis, Jaarraa Abbaa Gadaa

hawaasa keessa qubate waliin wal fudhachuuf

yaroo dheertuu irraa hin fuune. Akkuma

naannoo Gooroo Gadiitti, olittiis, lammii isaatiif

hadooduunn guyyuma guyyaan sammuu

dhunfachutti seente. Haala Nafxanyootaa fii Mootummaan Habashaa lammii isaa itti laalan

onneen fudhachuu didaa dhufte. Sammuun isaa

halkanii fii guyyaa jiruu mataa isaa tiif yaaduu

caalaa, warra akka Haamidoo fii Habiib,

kanneen jiruu nagayaa jibbanii mootummaa

Habashaa tiin loluuf daggala Carcar mana godhatan, tan xiinxaltu taate. Lakkuma seenaa

finciltoota qoratuun, “yo namni murate tokko

habashoota dilana shororkeesse, laata kan

jaarame hoo akkami?” gaaffii ja’ttu if gaafachutti

seene. Maqaa fii durooma warraa gubbaan

naamusaa fii soora qabeenya isaa-tirraa, shamarran shashaqachaa bakkayutti jala

sissiqan keessaa takka fuudhee, jiruu sadoo

jiraachuu yaaduun surrii keessa sokke. Diinni

saba isaa qawween if jalatti oggolchee, lubbuu

fii qabeenya isaanii irratti abboomaa odoo jiruu,

hamashaa dubartii bareedduu boraafatee, sirnaaf ilmaan horuu maganfate. Waan

dandayuun ummata isaa gargaaruun fakkeenya

sab-boonaa tahuu-rra, akka Umar Muktaar kan

biyya Liibiyaa faatti, loltuu bilisummaa tahee

lammii isaa gabrummaa jalaa baasuu filate.

Fedhii isaa kana hujiirra oolchuuf, jiruu sadoo tiin “imaanata” je’ee, dardarummaan qabsoo

hidhannoo tiif if qaadhimee, “Boruuyyee boruuyyee Boruu abbaa bariisooyyee Galgala abbaa galgalooyyee Galgalli naan dubbatee Boruun naan marihatee Roorroo hamtuu agarraan Kan Oromoo saba kootii Kiyya garaan hammatee Hadhaa du’aa filate” jechaa geeraraa, namoota yaada akka isaa

qaban waliin daggala seenuuf, jalqaba bara

1966a, manaa bahe. Barbaanni jaalaa, Jaarraa Abbaa Gadaa, qe’ee-

rraa fageeysee Gaaleeytii geeyse. Gaaleeytii-tti

Sheekha yaada akka isaa qabuun wal-arkatan.

Sheekhni, inumaa, dhibdee ummata isaanii tiif

furmaata waaraa barbaaduu dhabuun, Rabbi

birattillee dirqama irraa gaafatamuuf jiraatan taachaa, Jaarraa Abbaa Gadaaa tiif

mirkaneesse. Akkasiin, Jaarraa Abbaa Gadaa

Sheekhtichaa fii darasoota isaa waliin, qawwee

hamma arkataniin qabsoo hidhannoo

bilisummaa jalqabuuf, gandaa sossoohan.

Isaanii haalaa fii lafa tarsimoo tottolfachaa jiru, akkuma naannoo Miicataa dhaqaniin, daldaloota

Roobee fii Miicata jidduu daddeebi’an irraa,

Fincila Oromoota Baalee dhagayan. Oduun

gurra seente daranuu mirqaansitee, warra duruu

diinarratti lola jalqaban waliin qabsoo itti fufuuf,

karaa Baalee qaceelan. Garuu, akka lafa hamma tokko deemaniin, daadarkaan amnaa,

Sheekha keessaa hamilee if dura deemuu

xuuxxee, darasoota isaa waliin if-duuba deebi’uu

murteeffachiifte. Jaarraa Abbaa Gadaa garuu,

wadala miyaa fii galaa irratti fe’atu qofa akka

dhiisaniif kadhatee, yaada manaa baheef hujiirra oolchuuf, amna isaa kophaa itti fufe. Lafaa fii hawaasa hin beeyne keessa, harree

fe’atanii bilisummaa barbaada deemuuf, gaafasii

mitii arrallee, murannoo fii gootummaa ajaa’ibaa

qabaachu nama barbaachisa. Jaarraa Abbaa

Gadaa karaa takkaa irra deemee hin beeyne,

hawaasa nama eenyummaa hin beeynee hanqatee, kan beekanittuu waan inni

iyyaafachaa deemu in himne keessa

qaxxaamuree, bakka garaa gaye. Kana booda, seenaan imaltuu tan Jaarraa

Abbaa Gadaa qabsoo bilisummaa tiif godhe,

bahara daakanii keessaa bahuu hin dandeenye

keessa nama cuupha. Loltoota barbaadee itti

dhaqe waliin lola adda addaa keessa naqee,

Laga Dhaaree-tti gootummaa qixa hin-qabne daawwachiisee, karaa Gindhiiriin Soomaalee

nama geessa. Achirraa ammaas, miyaa fii

kaameeraa baadhachiisee Fincila Baaletti ol

nama deebisa. San booda, lola Gola Eela Roojii,

kan diinni qabsaawotatti samii gubbaa boombii

itti roobse faa irraa qooda nama fudhachiisa. Walii galatti, Baaletti, hamma Fincilli Oromootaa

humnaa fii tooftaa diinaa tiin akkaa-gara hin

dhabini-tti, lola godhaman hunda keessa nama

naqee, dhuma bara 1968, Soomaaletti nama

deebisa. Soomaalee keessatti, qabsoo ummanni keenya

eenyummaa isaanii beeysisuuf godhan, dhibdee

mudatan, injifannoo helanii fii seenaa Jaarraa

Abbaa Gadaa adda baasuun hin dandayamu.

Jaarraa Abbaa Gadaa, Soomaaletti akka

deebi’een, ilmaan lammii kanneen karaa adda addaa tiin seenanii Soomaaliyaa keessa jiran

babarbaadee walitti fide. Isaan keessaa, warra

qabsooo hidhannootiif fedhii qaban waliin,

Arfaasa 12, bara 1969, bu’ura Adda Bilisummaa

Oromoo lafa kaayan. Alaabaa, Faaruu Alaabaa

tii fii Faaruu Biyyaa baafatanii, leenjisa isaan barbaachisu fudhachuuf, ji’a jalqabaa tan bara

1970 Mootummaa Soomaalee jalaa mimmiliqaa,

tokkoo-lamaan Magalaa Adan seenan.

Mootummaan Soomaalee fedhii isaanii, tan

leenjii tooftaa lolaa tii fii hidhannoo, akka

bakkaan hin geenyeef yaroo hubate, kan mala armaa olii irratti hojjatee, imaltuu Adan

aanjeesse, Jaarraa Abbaa Gadaa ti. Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaaa Amajjii 28,

bara 1970, Mogdishoo irraa baasee Adan nama

geeysa. San booda, Adan irraa fuudhee Iraaq,

Iraaq irraa gama Suuriyaa namaan barara.

Suuriyatti jab’haa Falasxiin waliin wal nama

barsiisee, mooraa leenjii waraana isaanii ifii waliin nama naqa. Leenjii booda, Waxabajjii 3,

bara 1970, Dimish’qii fuudhee, Misra geessee,

Baghdaad-tti nama deebisa. Achirraa miya

waraanaa baadhachiisee Adanitti nama deebisa.

San booda, Onkololeessaa 17, bara 1970,

hoogganummaa Qeeyroo Ganamaa tiin, Adanirraa dooniin karaa biyyaatti namaan ka’a.

Galii kanaa fiis, Bahara Hindii-rra oofee, qarqara

lafa Soomaalee tan Bulloo-har ja’amtu nama

geeysa. Achirraan odoo hin feene fuudhee mana

hidhaa, Man’dheeraa-tti namaan deema. Iddooleen Jaarraa Abbaa Gadaa dhaqee fii

karaan irra deeme hundi seenaa dinqifamoo

keessatti hojjataman qabu. Seenaan mana

hidhaa, Man’dheeraa, qofti himamee hin dhumu.

Manni hidhaa Man’dheeraa, iddoo, Jaarraa

Abbaa Gadaa, dhibdee mataa isaa irra aanee, jaallan qaamaa fii sammuun rakkatan

jajjabeessuun, hogganummaa isaa hujiin itti

mirkaneesse keessaa tokko. Kana malees,

Jaarraa Abbaa Gadaa itti gaafatamaa Qeeyroo

Ganamaa tahee, fuula Ziyaad Barree dura

dhaabbatee, seenaa Oromoo nama barsiise. Hidhamaa ykn boojihamaa tahanii, qaallicha urjii

ifiin caanceesse ija keessa daawwachaa,

“seenaan ati deemtuun tan kijibaa ti. If dhibda

malee ittiin hin milkooytu,” jachuuniif

gootummaa gootummaa olii qabaachu nama

barbaachisa. Jaarraa Abbaa Gadaa jeeyna onnee akkasitiin faayame. Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaaa, hidhaa bara

shanii fii guyyaa kudha-lamaa booda,

Man’dheeraa keessaa baasee, odoo bitaa fii

mirga namaan hin-daddabne, akeeka

ganamaatti nama deebisa. Hidhannoo

barbaacha baheef, kan bahara qaxxaamuree dafka lubbuu xuruurseef malee, harka qullaa

onnuma ganamaa saniin, mudawwar adii,

kalooytaa adii fii imaamata adii uwwisee, akka

warri karaatti arkan ja’aniinitti, nuur bi nuur fakkeessee, gammoojjii Soomaalee keessaan,

miilaan karaa biyyaa namaan qaceela. Moggaa

dachii-rraa Hargeessa fidee, acii Wacaale

keessa tirachiisee, Hadraa Sheekh Husseen tan

Tulluu Guuleedi-tti hara nama baafachiisa.

Tulluu Guuleed irraa Gaara Qundhudhoo yaabbachiisee, Ganda Quraa gubbaan qilleensa

qabbanaawaa Oromiyaa somba unachiisaa,

Biyyoo Adaree halaalaa nama daawwachiisa.

San keessa nama oofaa fidee, amna dheeraa

biyyoota meeqa booda, Bitooteessa 14, bara

1976, Aaw-Wadaay duubaan Gobeelle nama fida. Achirraa Qabsoo Hidhannoo Bilisummaa

Oromiyaa tan Elemoo Qilxuu faan irraa

wareegaman itti nama deebisa. Yaroo Jaarraa Abbaa Gadaa, maqaa guutuu

Oromoo tiin qabsoo hidhannoo jalqabe, yaroo

tooftaan lammi adda qoqqooduu, kan diinni

baroota hedduuf irratti hojjachaa ture, karaa itti

qabateef ture. Gaafni san, gaafa, mootummaan

Habashaa Oromiyaa keessatti sirritti hidda gadi jabeeffatte. Gaafa nafxanyoonni “hadaraa Hayle

Sillaasee!” qofaan, hawaasa Oromiyaa

bobbaasanii galchaa turani. Kana malees,

yaroon san, yaroo Xophiyummaan onnee

Oromoota hedduu itti dhunfatte ture. San

malees, yaroo, gariin lammii eenyummaa isaanii gatani. Gariiniis if dhooysuuf ijibbaata cimaa

godhaa turani. Walii-galatti, yaroon san, yaroo

lammii Oromiyaa keessaa irra hedduun,

“harqoota mootummaa Habashaa jalaa bahuun

hin dandayamu,” jechuun, gabroomsaaf

oggolani. Jaarraa Abbaa Gadaa, haala akkasii keessatti,

gufuulee diinni eenyuummaa lammii

dhabamsiisuuf baroota hedduuf tarrisaa bahetti

qaataa harkise. Maqaalee adda addaa, kanneen

saba Oromoo gargar qoqqooduuf moggaafaman

macalaasee, Oromummaa du’arraa kaasee, sab-boonummaan faayee, qabsoo bilisummaa

ummata Oromiyaa tiif xurree baasuuf, daggala

gabrummaa-tti ibidda qabsiise. Kana malees,

Oromoota magaalaa keessatti maqaa Oromoo

tiin dhaaba dhaabbatan, kani sirritti hin beeyne,

ilmaan sabaa tahuu isaanii qofaanf amanee, aangoo isaan magaalaa keessatti wal muudan

gaaffii takka malee fudhachuu fiin, tokkummaa

sabaa hujiin mirkaneesse. Haaluma hundattuu, daandii haaraya saaquun

salphaa miti. Qarooma malees murannoo cimaa

barbaada. Hawaasa eenyummaa isaanii gatanii

diinaaf oggolaa jiran keessatti, qabsoo

hidhannoo adeemsisuuf ka’uun murannoo

murannoo olii ti. Jaarraa Abbaa Gadaa odoo sab-boononni hundi qabsoo hidhannoo jalqabuu

mamanii, ni dandayamtii itti amanee, kophaa

isaa gaara jiiysuuf dongoraa fudhatee itti seene. Jaarraa Abbaa Gadaa, qabsaawaa jaallan waliin

malee kophaa qorii harka hin keenye. Yo

nyaanni kan wal hin geenye itti fakkaate,

malaan jaallan nyaachisee ifii agabu, jeeyna

geeraree nama onnachiisu, duulee duulchisu,

kan lubbuu jaalaa baasuuf, tan isaa halaaka keessa naqu. Kana malees, Jaarraa Abbaa

Gadaa, hooggana duulatti nama ergee ifii

duubatti hafu odoo hin taane, kan duula

godhamu hundarraa, jaallan dirqitti if duubatti

hambisani. Gootummaan isaa qe’ee diinaa

keessatti-llee beekkamtu. Nafxanyoonni yaroo maqaa isaa dhagayan hin baarayne hin jiran.

Yaroo ija isaa, tan goobana gaggeessu namatti

dhaabu, dhanfoora keessa hulluuqee, sammuu

keessaa waan yaadan kan daawwatu faakkaata.

Sujuunni addarraa ifu qulqullina onnee fii qalbii

sirritii mirkaneessa. Kilaash dacha’aa fii zinnara isaa hidhatee hoggaa nama dura dhaabbatee

haasawu, haalli isaa daawwatamee – haasoyni

qoma isaa keessaa burqu dhageeffatamee, hin-

quufamu.

ABO.ARAARSO BIQILAA ABO Baha Oromiyaa Magaalaa Haramayaa

Leenjiin Miseensootaa fi Dabballoota ABO Baha Oromiyaa Magaalaa Haramayaa gaggeeyfamaa ture milkiin xumaramee jira

.

LIKE ,COMMENT,SHARE,SUBSCRIBER GORADHAA

Thursday, November 8, 2018

OBBO MUKTAR KEDI BARA 2016 IRRAA KAASEE EESSA JIRA?


TEAM LAMMA-Gareen jedhamee OPDO Duraanii ykn ODP ammaa keessaa uumamee kan P/M/N Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaatiin dursamu duuba irraan qeerroo hiriirsisee gamoo gabrummaa jabaa woyyaaneen saba keenya irraa jijjigsuuf dimaamitii cimaa PM.DR.Abiy Ahmeditti baachisanii erga masaraa mootummaa seensisan booda jijjiiramoota baayyee agarree jirra.


-Qaamotni dinagdee biyyattii akka lafee ququmsanii nyaatan himannaa tokko bale bilisaan akka jiraachuu danda'an arguu eegalle.

-Dhaabbileen siyaasaa hedduun biyya irraa baqatanii biyya namaatti siyaasa biyattii irratti hojjechaa turan maqa balleessi isaan irratti mootummaa biyya keessaan geggeeffamu dhaabbatee bilisaan biyya keessa galanii dhimma siyaasa isaanii geggeeffachuu akka danda'an agarre.

-Miidiyaaleen garagaraa kan dhimma siyaasa biyyattii irratti mormii geggeessanis bilisa bahanii akka biyya keessa seenanii yaada isaanii bilisaan akka geggeeffatan godhame.

-Hidhamtoonni(sirreeffamtoonni)siyaasaa hedduunis bilisa bahanii akka biyya isaanii irratti falmii karaa nagayaa geggeeffataniif haalli sirraahe.


kun hundi godhanee osoo jiruu Prezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii kan turan Obbo Muktaar Kadiir wayta taayitaa isaanii irra turanitti gaariis haa dalagan badaa siyaasa biyyattii wayta sana ture madaallii keessa galchamee namni kun hayyuu ilma Oromoo tokko,badii isaa olii kan hojjetanii turaniyyuu harra dhiifamni godhameefii abaaboofi marga jiidhaa,dammaafi aannaniin simataa Ida'amni Obbo Muktar Kedir irratti hin hojjenne albaadhessummaadha.


waan kana mootummaan naannoo Oromiyaa hubatee nama kana akka dhaaba kan keessatti shoora isaa bahatuuf carraa kennuufiin dirqama jedheen yaada.bara kana wanni saba Oromoo keessatti agarru akka kubbaa miilaa badii hedduu dalagdee deeggartoota qabaannaan badiin kee akka jaakkeettii sirraa bahee bilisaan boontee jiraatta.kun akka hafuuf garuu waliif yaaduufi garaa baldhachuun furmaata jedheen yaada.horaa bulaa. Mohammed Bin Aljazeera 

Wednesday, November 7, 2018

Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti

Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse gaafi namoota hedduu ta’u danda’a. Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti akkasumas akka isheen dubbateetti. Yeroo isheen waggaa saddeet turte sanatti naanno isheen itti dhalattee sana jeequmsaatu ture, jeequmsa kana keessatti obboleewwan ishee kan dhiira fi abban ishii akkasumas manni isaani ibiddaan kan gubame ija ishiitin raga baate. Yeroo kanattii Mahbuuba fi obboleetti ishii harka daldaloota gabroota jala seenan. Daldalootni kuniis Mahbuuba fi obboleetti ishii gara magaala Gondar Kaaba Ixoophiyaatti imalchiisan. Achittii gabaa gabrootaatu ture. Gabrootni naannolee Kibbaa biyyaatti irra fidan hunduu magaala Gondariirra gara Suudanitti geefamaa turan. Sudaan irra immo gara Biyyaa Masriitti kanneen geefaman keessa Mahbuuban ishee tokko dha. Imala kana gidduutti iddoon obboleetti ishii baddee beeku baatus yeroo sanatti Oromoota hedduu yookan immo warrootni Afaan ishii beeku hedduu wajjiin turte. Jaarra 19ffa keessatti gabrootni biyyaa Ixoophiyaarra dhufan lakkoofsan gara kuma diigdami shan (25,000) tilmaamama, hedduunsaani kibbaa biyyattiirra fidan. Kanneen keessa Oromootatuu baayyata. Warroota asirra biyoota Awroopa, fi Hindiitti kanneen gurguraman baayye dha.


Biyyaa Masriitti, Hermann erga Mahbuuba bitate booda ishee waliin biyyoota garaagara deeme. Yeroo kanatti Mahbuuban umrii wagga 10 – 12 gidduu taatus, bilchina sammuu fi akkaata amala ishii yoo ilaalan nama hojjaan madaalamuu mitii. Kanarra kan ka’e, Hermann jaalala Mahbuubatin booji’ame. Biyyaa Jarmaniitti haadha manasaa wajiin wal yaa hiikani iyyuu, Mahbuuba wajjiin akka niitii lammaffaa walii-wajjiin jiraata ture. Adeemsa isaa keessatti biyyyoota kannen akka Felestiin, Suuriya, fi Istanbuul(Turkii), Mahbuuba wajjiin deeme. Biyyoota kana keessa intala kana qabatee wajjiin deemu waan sodaatef, uffata loltuu dhiira uffisee wajjiin deema ture.

itti fufaa

mahabubaa part 2 Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse

mahabubaa

part 2

Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse gaafi namoota hedduu ta’u danda’a. Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti akkasumas akka isheen dubbateetti. Yeroo isheen waggaa saddeet turte sanatti naanno isheen itti dhalattee sana jeequmsaatu ture, jeequmsa kana keessatti obboleewwan ishee kan dhiira fi abban ishii akkasumas manni isaani ibiddaan kan gubame ija ishiitin raga baate. Yeroo kanattii Mahbuuba fi obboleetti ishii harka daldaloota gabroota jala seenan. Daldalootni kuniis Mahbuuba fi obboleetti ishii gara magaala Gondar Kaaba Ixoophiyaatti imalchiisan. Achittii gabaa gabrootaatu ture. Gabrootni naannolee Kibbaa biyyaatti irra fidan hunduu magaala Gondariirra gara Suudanitti geefamaa turan. Sudaan irra immo gara Biyyaa Masriitti kanneen geefaman keessa Mahbuuban ishee tokko dha. Imala kana gidduutti iddoon obboleetti ishii baddee beeku baatus yeroo sanatti Oromoota hedduu yookan immo warrootni Afaan ishii beeku hedduu wajjiin turte. Jaarra 19ffa keessatti gabrootni biyyaa Ixoophiyaarra dhufan lakkoofsan gara kuma diigdami shan (25,000) tilmaamama, hedduunsaani kibbaa biyyattiirra fidan. Kanneen keessa Oromootatuu baayyata. Warroota asirra biyoota Awroopa, fi Hindiitti kanneen gurguraman baayye dha.


Biyyaa Masriitti, Hermann erga Mahbuuba bitate booda ishee waliin biyyoota garaagara deeme. Yeroo kanatti Mahbuuban umrii wagga 10 – 12 gidduu taatus, bilchina sammuu fi akkaata amala ishii yoo ilaalan nama hojjaan madaalamuu mitii. Kanarra kan ka’e, Hermann jaalala Mahbuubatin booji’ame. Biyyaa Jarmaniitti haadha manasaa wajiin wal yaa hiikani iyyuu, Mahbuuba wajjiin akka niitii lammaffaa walii-wajjiin jiraata ture. Adeemsa isaa keessatti biyyyoota kannen akka Felestiin, Suuriya, fi Istanbuul(Turkii), Mahbuuba wajjiin deeme. Biyyoota kana keessa intala kana qabatee wajjiin deemu waan sodaatef, uffata loltuu dhiira uffisee wajjiin deema ture.

itti fufaa

Monday, November 5, 2018

Waraanni ykn WBOn ajaja ABO hin fudhannee Waraana Adda Bilisummaa Oromoo ABO/WBO tahuu hin dandeyu.Araarsoo Biqilaa

Waraanni ykn WBOn ajaja ABO hin fudhannee Waraana Adda Bilisummaa Oromoo ABO/WBO tahuu hin dandeyu.Araarsoo Biqilaa 

=======================

IA/HD ABO Obbo Araarsoo Biqilaa baha Oromiyaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti Sadaasa 4/2018 haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi marii araaraa Addi Bilisummaa Oromoo ABOn motummaa naanno Oromiyaa fi motummaa Fedraalaawa Itoopiyaa waliin irra gaye jiru irratti ibsa bal’aa hirmaattota sirnichaaf kennanii jiran.


ABOn waliif galtee motummaa naanno Oromiyaa waliin qabu kanatti fayyadamuudhaan Qabsoo karaa nageeyaatiin gaggeeysuuf kan murteyfatee jiru ahuu ibsee baka sossohan hundatti deggarsa gara motummaa naannoo Oromiyaatiin isaaniif taasifamaa jiru maqaa ABOtiin galata guddaa Pre/motummaa naannoo Oromiyaa Dr kabajaa Obbo Lammaa Magarsaa fi Mummee Ministeera Itoopiyaa Dr Abiy Ahmed kan galatoomfatan tahuu Obbo Araarsoo Biqilaan dubbatee jira.


WBOn mooraa Leenjii Polisii Oromiyaa “Ardiyyatti” Leenjii fudhachaa jiru yeroo muraasa keeysatti Leenjii isaa xumuratuudhaan Polisii fi Kora Bittinneeysaa Oromiyaatti dabalamee nagenya Ummata Oromoo  tiksuu keeysatti shoora gama isaa kan gumaachuuf jiraatu tahuu Obbo Araarsoon addeeyseeti jira.


Biyya takka keeysa waraanni lama hin jiraatu waan taheef WBOn akkuma jirutti hundi isaa Mooratti galee Leenjii barbaachiftu eega fudhateen boodatti Polisii Oromiyaa waliin nageenya ummataa tiysuuf jiraata jechuudhaan gaaffiilee hirmaattota sirnichaa irraa dhihaataniif deebisaa kennanii jiran.


Waraanni ajaja dhaabaa isaa hin fudhannee waraana sirnaa tahuu kan hin dandenye tahuu itti dabaluudhaan I/A/HD ABO Obbo Araarsoo Biqilaa haasawa bal’aa baha Oromiyaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti  Sadaasa 4/2018tti hawaasa naannichaaf godhaniin addeeysaniitii jiran.


Murtiin WBOn mooratti galee leenjii fudhatee Polisii Oromiyaatti dabalamuu kuni murtii maayyii kan ABO fi motummaan naannoo Oromiyaa irratti waliif galanii jiran waan taheef WBOn waliif galtee kana hujiitti hiikuu hin fudhanne ajaja ABO jala kan hin jirre tahuu Obbo Araarsoon gaaffilee hidhannoo WBO laalchisee hirmaattoota sirnichaa irraa dhihaataniif laate keeysatti mirkaneeysee jira.


   (Abdusalam Suutee)

UNHCR evacuates hundreds of vulnerable refugees out of Libya to safety

UNHCR evacuates hundreds of vulnerable refugees out of Libya to safety Add caption