Sunday, November 4, 2018

Nageenyaa waaraa fiduuf gaheen humna poolisii olaanaa dha-Obboo Lammaa Magarsaa

JIRRAATUBE.OBN Onk.24, 2011- Oromiyaan poolisoota kuma 6 ol kan Wiirtuu Leenjii Sanqalleetti leenjisaa ture ebbise.

Sirna ebbaaa kanarratti Pireezdaantiin Naannoo Oromiyaa obboo Lammaa Magarsaan argamanii dhaamsa hojii dabarsaniiru.

Ammaan booda filannoon qabnu lama, inni tokko naannoo keenya eegsisuun jijjiirama amma dhufe itti fufsiisuu yoo ta'u, kan lammataa gabrummaa keessaa bahuu hin dandeenyetti deebi'uudha jedhaniiru pireezdaant Lammaan

Pireezdaanti Lammaan, diinni ni riphe malee hin kufne, dukkanatti nu deebisuuf yaaliin godhamaa jirus bal'aadhan jedhaniiru.

Ammaan booda jilbiiffachuun nuuf salphina; aggaammii kallattii kamirraayyuu dhufu qolannee Oromiyaa qofaaf otoo hin taane biyyaaf wabii ta'uuf humna jabaa akka sibiilaa ijaarrachuutu barbaachisa jedhaniiru.

 Kanaaf humni poolisii har'a eebbiifamee nageenyaa waaraa fiduuf gaheen keessan olaanaa dha jechuun onnachisaniru. 

Kanamalees,dimokiraasiin lallabuu qofaan hin dhufu; bakka irree barbaachisutti humna jabaa roorroo ittisu qabaachuu gaafata jedhaniiru pireezdaant Lammaan.

Poolisoonni Koolleejjii Poolisii Oromiyaatti Inistiitiyuutii Leenjii Idilee fi Ogummaa Poolisiitin har'a ebbifaman, leenjii barumsa seeraa fi heeraa, ittisa yakkaa fi naamusa poolisii argataniiru.

Poolisoonni kunneen humna nageenya Oromiyaa akka cimsanis ajajaan inistiitiyutichaa Koomaandar Gammachuu Gomoroo himaniiru jechuun Yeroon Toleeraa gabaaseera.


UNHCR evacuates hundreds of vulnerable refugees out of Libya to safety

UNHCR evacuates hundreds of vulnerable refugees out of Libya to safety Add caption