Mootummaan haaromsaa kun olaantummaa seeraa mirkaneessuu irratti tarkaanfii mul'ataa fudhachuu hanqachuun balaa dhufu dabalaa deemaa jira. Shiroota qaamota siyaasaa aangoon harkaa buutee fi warra cabsataan aangootti bahuuf bololan gidduutti shiramaa jiru osoma beekanii bira darbaa jiru. Kun kan godhamaa jiruuf dubbannee wal dhageessisuu dandenya hawwii jedhurraa akka tahe naaf gala. Haa tahu amlee obsi akkasii yoo dheerataa deemu gatii hadhooftuu kafalchiisuu danda'a. Dhugaa beekanu ragaa harkaa qaban waliin ummatatti himanii balaa dhufaa jiru deebisuu mannaa marmaranii irra taa'anii karaa namoota hagoo qofaan gad baasuun faayidaan isaa natti hin mul'atu. Odeessonni rifaasisoon karaa namtokkeeleetiin gad baafamanii yeroo himaman ummata amansiisuuf humna hin qabani. Inumaa olola maqa balleessiis fakkaachuu danda'u. Kanaafuu dhugaa jiru officially walitti himanii badii irra hamaa dhufuuf jiru yeroodhaan dhaabsisuu wayya. Fayyaaleyyii hongee odeeffannootiin dhahamaniifis ija baneefii waan keessa jiran itti garsiisa.
Sun tahuun hafee akka amma mul'ataa jiru kanatti deemnaan garuu hireen Oromiyaas tahee biyyattiin kun qabdu waan lama keessaa tokko qofa taha. Tokkoon qaama tahe tokkoon (kan aangoo irra jiruunis tahee kan cabsataan itti dhufee qabachuu maluun) sirni abbaa irrummaa gad dhaabbachuu mala, yookiin ammoo eenyunuu eenyuunuu moohachuu yeroo dadhabu biyyattiin diigamtee Siiriyaa yookiin Liibiyaa tahuuf deemti. Hafuurri biyyattii bakkoota baay'ee keessatti mul'ataa jiru kanuma ibsa. Filannoo keenya biyyi diigamtee sirna dhablummaan moohuu yookiis abbaan irrummaa deebi'ee dhufuu akka hin tahin beekamaa dha. Filannoon keenya dimokraasii dha. Akka amma mul'ataa jirutti garuu carraan dimokraasiitti deemuuf jiru dhiphatee carraan diigamsaa yookiin ukkaamsaatti nu geessu bal'atee mul'ata. Balaa dhufaa jiru kana kan deebisuu danda'u hoggansa amma gaafatama irra jiru qofa. Karaan ittiin balaa kana oolchuu danda'u gurguddaan ammaaf waa lama:
1. Siyaasaa kadhannaa fi ushururuu keessaa bahanii tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessu fudhachuu
2. Odeessa dhimma tika biyyaa kan ummanni argachuu dhabee burjaajawaa jiru ragaa amansiisaa waliin gadi baasanii ummatatti himuu dha. Filannoon kan abbaati!